Baankiin Daldala Itoophiyaa Maammiloota hanga Bitootessa 2tti Odeeffannoo isaanii hin haaromsineef tajaajila baankichaarraa argatan dhoorkamuuf akka ta’e ibse.

Baankiin Daldala Itoophiyaa Maammiloota hanga Bitootessa 2tti Odeeffannoo isaanii hin haaromsineef tajaajila baankichaarraa argatan dhoorkamuuf akka ta’e ibse.

Baankichi Qajeelfama Ebla bara 2021 Odeeffannoo Maammilootaa irra deebiin haaromsuufi qulqulleessuuf baase hordofee Yeroo dheeraa fudhachuun hojii Odeeffannoo Maammilootaa haaromsuufi qulqulleessuu baay’ee hojjachaa turera.

Hojii hanga ammaatti hojjatameenis Maammiloonni baay’een Odeeffannoo isaanii haaromsanii jiru.

Warri ragaa isin irraa barbaachisu osoo hin kennin hanga yoonaa turtan, hanga Bitooteessa 2 bara 2014 tti gara dameelee keenyaa deemuun ragaa keessan akka ammayyeefattan isin hubachiisna.

Bitooteessa 2 booda garuu, tajaajila baankii kan akka ( moobayil baankingii, intarneet baankingii, ATM fi POS) kan hin arganne ta’uu hubattanii, gara dameelee bankicha deemuun odeeffannoo sirrii kennuun ragaa keessan guutuu akka taasifattan isin hubachiisna jedheera.

Related Posts

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *