Baankiin Hojii Gamtaa Oromiyaa Lammiilee sababa hongeen miidhamaniif birrii miliyoona 70 gumaache!

Baankiin Hojii Gamtaa Oromiyaa , Sababa haqina roobaan Hongee uumameen lammiileen balaa beelaaf akka hin saaxilamneef gargaarsa Namoomaa gochuuf Iddoo Hoggantootni Olaanoo Mootummaa Naannoo Oromiyaa argamanitti Birri Miiliyoona 70 waadaa galee turuun isaa ni yaadatama.

Guyyaa har’as deeggarsa waadaa galame gara hojiitti jijjiiruun Deeggarsa geejjibsiisuu eegaleetu jira. Deeggarsi geejjibsifamaa jirus Nyaata namaafi looniif Kan oolan yoo ta’ u Daakuu Boqqolloo kuntaala kuma 8,fi 400 ,Nyaata Daa’immaniifi Haadholiif oolu

nyaanni madaalamaa kuntaala kuma 2, Zayiitii nyaataa leetira 100fi kuma 50, fi horii hongeen miidhamaniif marga hidhaa kuma 56, ta’u Bulchiinsa Magaalaa Galaanitti Kan argamu Federeeshinii Qonnaan Bultoota Oromiyaarraa geejjibsiisuu eegaleetu jira.

Godinaalee Oromiyaa Hongeen miidhaman biras kan gahu akka ta’u Pireezedaantiin Baankii Hojii Gamtaa Oromiyaa Obbo Darribee Asfawu Kan himan .

Deeggarsichas Kan harka fuudhan Itti Aanaa Komishineraa Hoggansa Sodaa Balaa fi kaafamtoota Misoomaa Oromiyaa Obbo Garramuu Olhiiqaadha.Lammiilee Sababa hongeen miidhamaniif lammiileen hunduu tumsuu akka qaban dhaaman.

Related Posts

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *