
Ayyaanni Adwaa seenaa keessatti ayyaana injifannoo gurraachonni weerartoota gabroomfattoota adii irratti gonfachuun seenaa galmeessaniidha. Biyyoonni adiin uummata gurraacha gabroomsudhaan akka namaa gadiitti gabroomsanii yeroo bulchaa turanitti gootonni uummata biyya keenyas gabrummaa warra adii hin fudhannu jechuun injifannoo gurraachota boonse galmeessan.
Ayyaanni Adwaa waggaa 123 oliif akka injifannoo saba tokkootti, akka injifannoo nama dhuunfatti seenan jallifamee himamaa kan ture yommuu tahu erga sirni TPLF masaraa ari’amtee ayyaanni Adwaa ayyaana injifannoo sabaa fi sabalammoota Itoophiyaa hundaa, ayyaana uummata gurraachaa hunda tahuun kabajamuu kan eegale yommuu tahu bara kana immoo haala adda taheen ayyaana injifannoo gurraachotaa tahuun kabajama.
Injifannoon Adwaa injifannoo lammiilee Itoophiyaa hundaa yommuu tahu injifannoo kana galmeessuu keessatti gaheen Oromoo baay’ee olaanaadha.