Barattuu Indiyaa Yuukireen keessaa saree ishee gattee baqachuu didde


Barattuun ganna 20 lammii Indiyaa taate, Yukireenii yeroo baatu saree ishee Zaayiraa jedhamtu fudhattee baate qeeqaa fi dinqisiifannaa argataa jirti

Aryaa Adriinii, xuuxillaa ishee ji’a shanii Zaayiraa qabattee balalii mootummaan Indiyaa qopheesseen magaalaa Romaaniyaa irraa gara Indiyaa imala dadhabsiisaa taasifteetti.

Yukireenitti waraanni yeroo jalqabu, Ariyaan yaadni ishee hundi, ’’waan fedheyyuu yoo dhufe, Zaayiraa dhiisee hin deemu,’’ kan jedhu ture.

‘’Ani barattuu fayyaa dha-lubbuu kamiyyuu otoo hin loogiin baraaruu akka qabnu baranne. Ishee dhiisee bahuun koo eenyuniyyuu hin fayyadu ture,’’ jette.

Bineelda akkanatti jaalachuusheen leellifamaa jiraattus, namoonni gariin immoo namoonni balaarra otoo jiranii mootummaan Indiyaa bineelda akkamiin xiyyaaraan fudhata jechuun qeeqan.

Related Posts

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *