Barreessituun Ameerikaa namticha na ‘gudeede’ jettee sobaan himattee waggaa 16 hiisifte

Antooni Biroodwatar barreesituu beekamtuu Alis Seboold jedhamtu gudeede jedhamee dogoggoraan ganna 16 hidhamee bahe.

Barreessituun Ameerikaa Alis Seboold dogoggoraan bara 1981 namticha ‘na gudeede’ jetteen torban darbe erga hidharraa gadhiifame booda dhiifama gaafatte.

Bareeffama ishee Laakiyi jedhu keessatti akka ibsitetti gudeedamuu ibsitee, gara boodaarra garuu poolisiitti yeroo himtu immoo karaa gubbaatti nama gurraacha argite tokko isatu na miidhe jette.

Antooni Biroodwatar qabamee hidhamuun balleessaan itti muramuudhaan ganna 16’f mana hidhaa ture.

Ibsi Aab Antooni Biroodwatar karaa abukaatoo isaa kenneen’’dhiifama gaafachuu isheetti gammadeera’’jedhe.

Aadde Seboold dhiifama gaafachuuf ibsa baafte keessatti akkas jette: ’’Hunda caala jiruukee karaa haqa hin taaneen saamamteef nan gadda, dhiifamni kamiyyuu waanta sirra qaqqabe akka hin jijjirreefi jijjiru tasumaa hin dandeenya nan beeka,’’jette.

Kitaaba barreessite keessatti wayita barattuu umrii ganna 18 turteefi Yunvarsitii Sirakiizi, Niwuyoorkitti argamutti barattu akkatti haleellaan irra qaqqabe bal’inaan barreessitee turte.

Ji’oota muraasa booda garuu, namticha gurraacha tokko karaa gubbatti argitee namni miidha narraan gahe isa ta’u hin hafne jettee yaaduu poolisiitti beeksifte.

Sana booda poolisiin Aab Biroodwatar qabee hidhe. Haleellaan irra gahes naannoo sanatti ture.

Biroodwatar erga hidhamee booda Aadde Seboold namoota poolisiin hiriirsise gidduudha isa kam akka ta’e adda baasuu dadhabde.

Isheen Biroodwatar otoo hin taane nama biraa filte. Haata’u malee, Biroodwatar himanna ishee dhiyeessiteefi xiinxala qajjiisa(riifansa) mataarratti gaggeeffameen ballleessaan ittii murame.

Bara 1998 erga inni mana hidhaatii gadhiifame Biroodwatar maqaan isaa galmee namoota miidhaa saalqunnamtii qaqqabsiisaniirratti galmaa’ee hafe.

Galmeen himanna isaa irra deebiin erga qoratamee bood Sadaasa 22 bilisa kan bahe yoo ta’u, ragaa quubsaa malee balleessaa kan itti murame, amma ragaan sun fudhatama dhabeera.

Dhaddachi himannaa isaa wayita dhaga’amutti Biroodwatar Tajaajila Oduu AP tiin’’imimmaan gammachuu roobsuun, amma dhiphinarraa boqodhe,’’jedhe.

Aadde Seboold ibsa ishee keessatti guyyoota saddeet darban‘’akkatti ta’iin kun raawwate itti daballa’’jedhan.

‘’Namni na gudeede otoo hin beekamiin hafuu waliin wal’aansottin jira, tasumaa hin baramiin hafe, tarii dubartoota biroo gudeedu deemu mala ta’a. Amma Biroodwatar akka hin hidhamne nan amana’’jette.

Kitaabni Laakiiy jedhu koppiin isaa miliyoonni tokko ol gurgurameefi Aadde Seboold akka barreessituutti ishee beeksise.

Related Posts

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *