
Dubartiin kitaaba akkatti abbaa warraa ajjeesan ibsu barreessite- ajjeechaa raawwatteef mana hidhaa bu’uuf jirti.
Naansii Kiraamptan Biropii jedhamti, kitaaba dhimma jaalalaa akkatti fuulduratti yakkaa raawwatte ittiin raagde mata duree isaa “How to murder your husband” ykn ‘’Akkatti abbaa warraakee ajjeeftu’’ jedhuun barrreessite abbaa warraa ishii itti dhukaastee ajjeesu isheetiif hidhaa umrii guutuun akka adabamtu abbaan murti Oriigan itti mureera.
Kiraamptan Biropii maanguddoo ganna 71 yoo taatu, ji’a darbe ajjeechaa sukanneessaa raawwachuun balleessaan itti murame.
Gartuun abbootii murtii Ameerikaa dubartiin kun abbaa warraa ishee bara 2018 rasaasaan dhahuu isheetiif balleessaa itti muran.
Yakka kana raawwachuun dura Biropiin jaalala ho’aa fi asoosamoota “Abbaa warraa dogoggoraa” fi ‘Jaalallee dogoggoraa’’ maxxansiteetti.
Abbaan warraa ishee Daani’el Biropii nama soorata qoppheessuu(sheefii) fi barsiisaa Oriigan keessatti beekamu ture.
Daani’el Biropii si’a lama rasaasaan dhahamee Waxabajjii bara 2018 argame.
Haadha warraa namticha ajjeefame kanaatti ji’a darbe balleessaan murame.
Galmeen himannaa kun xiyyeeffannoo guddaa akka argatu kan taasise yakkaa kana otoo hin raawwatiin waggoota muraasa dura barreeffama’akkatti abbaa warraa kee ajjeeftu’ jedhu barreessuu isheeti.
Dubartiin kun karaalee abbaa warraa ajjeesuun danda’amu qawwee, hanga aalbee fi summiin ajjeesuun akka danda’amu tarreessiteetti.
‘’Yoo ajjeesuun bilisa na baase hanga fedhe yoo ta’ellee mana hidhaa turuu hin barbaadu,’’ jette.
Abbootiin alaangaa Kiraamptan Biropii abbaa warraa ishee ajjeesuu akka fedhaa turterratti walfalmaniiru. Garuu abbootiin alangaa barreeffamicha ilaaluu hin feene.
Wayita bakka yakkii kun raawwatametti dubartiin kun konkolaataa konkolaachisaa akka turtee fi boodarras achii bahaa akka turte viidiyoon mana murtiitti agarsiifame kan mul’isu.
Poolisiin garuu meeshaa ajjeechaan kun ittiin arraawatame hi argine, taatullee gostii meeshaa waraana isheen bittee fi moodeliin isaa maal akka ta’e barameeera.
Abbootiin murtii guyyoota lama hin guunneef qorannoo cimaa erga gaggeessanii booda balleessaa itti muran.
Murtoon hidhaa umrii guutuu Wixata kan itti murame yoo ta’u, waggoota 25 erga hidhamtee booda carraa hidharraa hiikamuu qabdi.