Barruun Time MM Abiy Ahimadiifi Timniit Gabruu namoota 100 dhiibbaa uuman keessatti akkamiin filate?

Barruun beekamaa Ameerikaa Taayim [Time] jedhamu namoota bara 2022 keessa sadarkaa idil-addunyaatti dhiibbaa uumaan ykn dhageettii guddaa qaban 100 ifa godheera.

Kanneen keessa Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimadiifi saayintistii kompiitaraa kan taate dhalattuun Itoophiyaa lammii Ameerikaa Timniit Gabruu (PhD) jiru.

Tarree hoggantoota addunyaa dhiibbaa uuman jala Pirezidant Baayidan, Pirezidantiin Raashiyaafi Yukireen, kan Chaayinaa, akkasumas pirezidantiin dubartii jalqabaa Taanzaaniyaa, Saamiyaa Suluuhuu Hasan, keessa jiru.

Gabaasi kuni bahuu hordofee Waajjirri Ministira Muummee Itoophiyaa komii ibseera. Ibsa dabalataa akka kennu barruu Taayimitti xalayaa erguun isaa barameera.

Barruun wagga waggaan namoota dhiibbaa sadarkaa addunyaatti uuman filatu kun, kana duras bara 2019 MM Abiy kanneen dhiibbaa uuman keessaa tokko godhee fileera.

Yeroos Fayyisaa Leellisaan MM Abiy akkuma aangootti dhufaniin hojii abdii namatti horu raawwatan eeruun barruu Time kanaaf barreesse.

Waggaa darbe keessumaa waraana Kaaba Itoophiyaan walqabatee waraana mariin xumura itti tolchuu qabu jedhamuun badhaasa Nobeelii Nagaa kan fudhatan MM Abiy Ahimad qeeqamaa turan.

Kanaanis, hariiroon MM Abiyyiis ta’e Itoophiyaan biyyoota Lixaa waliin qabdu hammaatee ture.

Barruun kun akkamiin filuu ibse?

Barruun kun MM Abiy Ahimad barruu kana keessa akkamiin akka file yoo ibsu, Itoophiyaafi Ertiraa gidduu nagaa buusuu isaanii hordofee badhaasa Nobeelii fudhachuu yaadachiise.

Dabaluunis, lola Tigraay irratti humni waraanaa MM Abiy hirmaate badii sarbama namoomaa olaanaan itti-gaafatamoo ta’aniiru jedha.

Barruu kanarratti, MM Abiy kan ibsite gaazexeessituu barruu kanaa Ariyaan Beekaridha.

Beekar ”humnoonni MM Abiy miidhaa saala bu’uura godhateefi himannaan saba dhabamsiisuu (ethnic cleansing) irratti dhihaateera,” jette.

Dabaluunis, beelli miiliyoonota yaachise mudateera jechuun ibsite.

Sadaasa 2020’tti humnoonni TPLF Izzii Kaabaa Raayyaa Ittisa Itoophiyaarratti haleellaa banuu hordofee waraanni eegale baatii 19 lakkoofsiseera.

Waraana kana irratti qaamoleen qooda fudhatan marti mirga namoomaa cabsuun dhaabbilee mirga namoomaan himatamaniiru.

Gama kaaniin, mootummaan federaalaa konkolaattonni deeggarsa namoomaa fe’an gara Tigraay akka hin seenne kan gochaa jiran humnoota Tigraayidha jechuun himata. Isaan himannaa kana hin fudhatan.

Dubartii gargaarsa namoomaa fudhatte
Ibsa waa’ee suuraa,Sababa waraana Kaaba Itoophiyaan lammiileen miiliyoona 10’tti siqan deeggarsa namoomaa barbaadu

Gaazexeessituun barruu Time fi waajjira isaa Afrikaaf hooggantuu olaantuu kan taate Ariyaan Beekar ji’oota muraasa dura mootummaan federalaa ‘deeggarsa namoomaaf jecha lola dhaabuu’ yaadachiifte.

Ta’ullee, labsiin kuni gara caalu tarsiimoowaadha jechuun deeggarsi namoomaa gahes xiqqoodha jechuun ibsiti.

Waajjirri MM maal jedhe?

Gabaasi kuni bahuu hordofee Pirees Seekireetariin Waajjira Ministira Muummee, Aadde Billanee Siyyuum barruu Taayimiif xalayaa komii ibsu barreessaniiru.

Ergaa isaaniin wanti waa’ee Ministira Muummee Abiy Ahimad barraa’e ”beekaa maqaa balleessuujfi,” yaadameeti jedhaniiru.

Dabaluunis, taateen kuni dhimma eenyummaa dhuunfaa MM Abiy irratti kan xiyyeeffatedha jechuun waa’ee waraanichaa odeessa gama tokkoon jiru qofa barruun kuni dhiheesse jedhan.

Barruun kuni ”haqa dhiisee odeessa isaa maaliif addunyaatti tamsaasuu” akka barbaade ibsa akka kennu Billaneen xalayaa erganiin gaafataniiru.

Timniit Gabruu

Kana dura dhaabbata teknolojii guddicha Google keessa qorattuu Hubannoo nam-tolchee (AI) kan turte Timniit kanneen barana dhiibbaa uumuun filataman keessaati.

Barruu kana keessa waa’ee ishee kan barreessite Giddugala UCL’tti Daarektara Kiritikaal Intarneet Inkuwaayarii kan taate Saafiyaa Nobeelidha.

”Dhaabbilee gurguddoo akka Google dura dhaabbachuun cimina gaafata,” jechuun ishee jajje.

”Teknolojii fooyyessuuf dogongorota adda baasuuf yaaltus loogii waan saaxilteef ari’amteetti,” jechuun Saafiyaa barruu kanarratti barreessiteetti.

Timniit osoo dhaabbata Google irraa osoo hin ari’amiin dura qorannoon isheen waahila ishee waliin dalagde loogii sanyummaa Google keessa jiruufi dhiibbaa AI naannoorratti qabu saaxileera.

Argannoon qorannoo kanaa garuu ogeeyyiin tekinolojii biraa dinqisiifannaa argateera.

Timniit Gabruu konfiransii irratti

Saafiyaan barreeffama baruu Time’f barreessiteen Timniit ”nama ijoo hanqina hubannoo nam-tolchee (artificial intelligence) nutti agarsiistudha,” jechuun ishee ibsite.

Dhalattuun Itoophiyaa kuni meeshichi dubartoota gurraachaafi magaala adda baasuu akka hin dandeenye bira geessee loogiin akka jiru saaxilte.

”Hojiin ishee loogii teknolojii keessa jiru agarsiisa. Kunis, dararaa hojjetaarra gahu hanga bu’aawwan teknolojii nama loogan gaha,” jechuun Soofiyaan waa’ee ishee barreessite.

Namoota dhiibbaa uuman akkamiin filata?

Barruun Ameerikaa kuni namoota akka addunyaatti dhiibbaa uuman filachuuf ulaagaa tokkoorratti xiyyeeffanna jedha.

Kunis, dhiibbaa dha. ”Eenyu jijjiirama fide? Eenyu guddatee mul’ate? Gama gaariis, gama badaas ta’u danda’a,” jedha barruun kuni akkamiin namoota akka filu yeroo ibsu.

Barruun Time tarree namoota dhiibbaa uuman baranaa keessatti namoota gamaa gamana dhaabatanii waraana keessa jiran filateera.

Fuula namaa yookiin fakkii sosso’u arguun teknolojiin nama adda baasu Facial recognition jedhamu ilaalchisee qorannoon Timniit dalagde loogii mul’iseera.

Kunneenis Pirezidantii Raashiyaa Vilaadimiir Puutiniifi Pirezidantii Yukireen Volodimiir Zeleniskiidha.

”Abbaan irree Raashiyaa waraana hamaa duuba jiruufi morkataan isaanii gaggeessummaan goota kan isa taasise pirezidantiin Yukireen,” jechuun ibsa.

Kunis, namoonni lamaan tarree tokko keessa galfamuun namoonni dhiibbaa uuman gama gaarii qofaan akka hin taane ibsa jechuun hima

Related Posts

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *