
Barsiisaa Yunvarsiitii Dambi Doolloo kan ta’e Amaanu’eel Baalchaa Diroonii kalaquusaa Yunvarsiitiin Dambi Doolloo beeksiseera.
Amaanu’eel Baalchaa Yunvarsiitii Arbaa Mincirraa barnoota Mekaanikaal Injiineriingiin eebbifamee yeroo ammaa kana Yunvarsiitii Dambi Doollooti barsiisaadha.
Amaanu’eel yeroo ammaa Diroonii 2 fi xiyyaara 1 kalaquusaa,
Pirezedaantiin Yunvarsiitii Dambi Doolloo Dr Lataa Tasfaayee OBN’tti himaniiru.
Dirooniin kunis meetira 250 haala milkaa’ina qabuun balali’uusaa.Dr Lataan dubbataniiru.

Yunvarsiitiin Dambi Doolloo kalqa irratti xiyyeeffannaa addaa kennee hojjetaa jira kan jedhan Dr Lataan Yunvarsiitichi Laaboraatoorii (STEM Power, science, technology, engineering and mathematics) hundeessuun meeshaalee hojii kalqaaf barbaachisan bituun baarattoonni kalqaa fi beekumsa qaban akka keessatti shaakalanii fi hojjetan deeggaraa jira.
Kana malees, barattoota kutaa 1-12 barataniif laaboraatoorii kalaqaaf ta’u lama qopheessuun achi keessatti hojii kalaqaa akka shaakalan Yunvarsiitiin Dami Doolloo haala mijeessuusaa Dr Lataan himaniiru.
Kalqawwan garaa garaa barattoota Yunvarsiitichaan hojjetamanis beekamtii fi gabaa akka argataniif Yunvarsiitiin Dambi Doolloo hojjetaa jira jedhameera.
Barattoota gama kanaan hojii fakkeenyummaa qabu hojjetaniifis tibba kana Badhaasa fi beekamtiin kennameera.
Yunvarsiitii Dambi Doollootti yeroo ammaa kana Amaanu’eel dabalatee barattoonni Yunvarsiitichaa 9 fi baratoonni iddoo biraatii dhufan 3 hojii kalqaa garaa garaa hojjetaniin bu’a qabeessa ta’aa jiru.
Baratoota kanneeniin Yuvarsiitii Doollootti kalqawwan garaa garaa rakkoo hawaaasaa furan hojjetamaniiru.
Kanneen keessaa Diroonii, xiyyaaraa, paampii bishaanii, baabura buna daaku, maashinii bukoo bukeessuuf oolu, baabura lafee daakuun soorata lukkuuf oolchu, konkolaattota gosa adda addaa, tarbaayinii bishaan darbatu, diizaayiinii ammayyaa lafa mana jireenyaa qusatu, ampuulii ergaa gabaabaan/sms ifa laatuuf dhaamsu fi maashinii muka bocu fa’i.
Hojiiwwan kalaqaa barattoota Yunvarsiitichaan hojjetamaa jiran kunneen agarsiisaaf dhiyaataniiru.Lammaa Xiyyeetu gabaase.