
Biiliyanariin beekamaa addunyaa kanaa Biil Geets qabeenya isaa arjoomuun dhumarratti tarree dureessota addunyaa keessaa akka ‘bahu’ kakate.
Hundeessaan dhaabbata ‘Micrsoft’ doolaara biiliyoona 20 tahu dhaabbata tola ooltummaasaa deeggaruuf akka oolchus hime.
Dureessi akka addunyaatti sadarkaa arfaffaarra jiru kuni qabeenyasaa deebisee uummataaf kennuuf ‘dirqama’ akka qabu hime.
Obbo Geetis qabeenyasaa arjoomuuf kan waadaa gale bara 2010tti yoo tahu ergasii qabeenyisaa dachaa ol dabaleera.
Yeroo ammaa hammi qabeenyasaa biiliyoona 118 akka baasu gabaasni baruullee Foorbis hima.
Arjooma amma jedhu dhaabbata tola oolaa maqaasaafi haadha warrraasaa duraaniin bara 2000tti hudeeffame ‘Bill & Melinda Gates Foundation’ dhaaf yoo kenne tarree sooreyyii irraa gadi bu’uu mala.
Obbo Geetis ergaa Tiwiitar irratti barreesseen sababa weerara koronaavaayirasii, waraana Yukreeniifi jijjiirama haala qilleensaa dabalatee rakkoo addunyaa mudateen dhabbanni tola oolaa kuni baasiin isaa biiliyoona 6 irraa bara 2026tti gara biiliyoona 9tti guddata.
“Fuulduratti yoon yaadu, qabeenya koo sadarkaa hunda jedhamuun dhaabbata tola-ooltummaa kanaafin kennuuf karoora qaba,’’ jedhe. ‘’Haala kanaan suuta sadarkaan koo gadi-bu’a, dhumarratti tarree sooreyyii addunyaa keessaan baha,’’ jedhe.
“Qabeenya koo ‘dirqama’ hawaasaaf deebisee kennuun qaba. Kanas gidiraa namootaa hambisuufi jireenya namoota akka foyyeessuttin gochuu barbaada. Namoonni kaan kan qabeenya guddaa qaban ana hordofu jedheen yaada,’’ jedhe namni kuni.
Dhaabbanni ‘The Gates Foundation’ biyyoota addunyaa garagaraa keessatti dhukkuba busaa balleessuu, barnoota fooyyeessuufi qulqullina irratti hojjeta. Bara 2020tti dhaabbata tola oolaa guddaa lammaffaa addunyaa ture, doolaara biiliyoona 49.8 baasas jedhameera.
Dhaabbanni kuni hojii gaarii hojjetullee, namoonni qabeenya dhuunfaa horachuuf itti fayyadamaniiru kan jedhanis qeeqanis jiru.
UN’f qarshii arjoomuuudhaannis dhaabbata dhuunfaa isa guddaa dha.
Obbo Geetis bara 1995-2010tti akkasumas bara 2013-2017tti dureessa addunyaa kanaa jedhamuun baruulleen Foorbis maqaa dhaheeraanii.
Bara 2017tti hundeessaan Amaazoon sadarkaa tokkoffaa kan irraa fudhate yoo tahu, bara 2022tti immoo hogganaa dhaabbata konkolaataa Teslaa Ilan Maaskituu akka addunyaatti duroomaan dursaa jira.