BISHAAN guyyaatti liitira meeqa dhuguu qabna?
Namni fayyaan tokko guyyaatti bishaan haga liitira lamaa (2) dhuguu qaba/qabdi. Bishaan ga’aa dhuguun addatti bu’aa armaan gadii qaba.
- Goguu mar’umaanii (constipation) ittisuu keessatti gahee qaba.
- Dhukkuba kalee kan kidney stone jedhamu kan waanti akka cirrachaa kalee keessatti walitti kuufamuun hedduu nama dhukkubsitu dandeettii akka hin uumamneef gargaaruu qaba. Kana malees kaleen hojii xuraawaa qaama baasuu akka sirriitti hojjatu taasisa.
- Hojii keenya guyyaa guyyaa keessumattuu warren hojii humnaa hojjatan hojii isaanii irratti akka hin dadhabne gargaara
- Mataa dhukkubbii ykn mataa bowwuu dandeettii nurraa ittisuu qaba.
- Dandeettii waa yaadachuu fi yaaduu irratti sammuun keenyabishaan sirriitti argachuun baayyee barbaachisaadha.
- Ulfaatina qaamaa humnaa ol ta’e hir’isuu irratti ni gargaara.
- Namoota alkoolii dhuganiif miira nama jibbisiisu kan erga alkooliidhuganii booda namatti dhufu (hangover) ni ittisa.