
“Bittaan Zaayitii liitira miliyoona 40 waliigalteen hin godhamne.” Ministeera mallaqaa
Rakkoolee Zaayitii nyaata ballessu fi gatii qaalessu fidan furuuf bittaan zayitii liitira miliyoona 40 waliigalteen akka hin godhamne ministeerri maallaqaa ibseera.
Ministeerri daldalaa fi walitti hidhamiinsa nannawaa, Finfinnee fi biiroo daldala Oromiyaa waliin ta’uun ibsa wiixata kenneen rakkoo qaala’iinsa Zaayitii nyaata furuuf kan gargaaru zayitii liitira miliyoona 40 yeroo dhihootti gara biyyaa akka galu ibsee ture.
Ministeerri hordoffi fi too’annoo meshaalee daldalaatti Daayirektara kan taate Adde Maskaram Baahiru adeemsa bittaa adeemun ji’oota hedduu fudhachuu danda’a. Karaa adda ta’een dhabbanni fichisiisa Sa’udi Arabiyaa akka filatamee fi walii galteen akka godhame ibsanii turan.
Ministeerri maallaqaa garuu waliigalteen godhame hin jiru jedheera.
“Zaayitii dhiyeessuuf qaamni filatames, dhiyeessaan mootummaa waliin waliigaltee godhes hin jiru” kan jedhan yoo ta’u, hammi zayitii gara biyyaa galus murtee irra akka hin geenne fi dhimmichi qorannoo irra akka jiru ibsaniiru.
Ministeerichi komiteen ijaarame Zaayitiin gara biyya galuu hagam akka ta’e qoratama kan jiruu fi qorannoonis torbaan dhufu keessa dhumata jedhaniiru.