
Rifeensi agarsiiftu bareedinna keessaa isa tokkoo keessattuu dubartootaaf .
Guyyaa guyyaan rifeensi lakkoofsan 50-100 ta’u , nama tokko irraa ni buqqa’aa ,garuu haaraawaan waan bakka buufamaniif rakkoo hin fidu.
Rakkoon kan dhufu yoo kan buqqa’uu fi kan margu wal simachuu baatedhaa.
SABABOOTA NAMA SAAXILAN
- Seena maatii ykn kan dhaalan dhufuu/ hereditary :- dhibbantaa guddaa kan qabatuu fi yeroo baayyee rakkoon kun gama abbaatin ykn haadhatiin kan jiraatu ta’e rifeensi suuta suutan akkuma umriin dabalaa deemun haphachaa ykn mola’aa deemaa
- Sababa garagaraatiin hormooniin qaama jijjiiramuu, fknf yeroo ulfaa, dhaabbachuu marsaa laguu, rakkoo xannacha taayirooyidii fi kkf
- Dhibeewwan garagaraa kan rifeensa keenya miidhan, fknf kan infeekshiinii akka faangasii,baakteriyaafa’an dhufan
- Qorichoota tokko tokko ,kan dhukkuboota biroof kennaman fknf kan dhibee onnee , olka’uu dhiibbaa dhiigaa ,sukkaaraa kaanserii , dhippinna fi kkf fudhataman
- Hanqina nyaata madaalawaa ta’ee
- yaalaa calaqqee mataadhaf fayyadamuu/ radiation therapy
- yaaddoo fi dhippinna baayyeehamaa ta’ee
- haala tolfannaasirreeffannaa rifeensaa tokko tokko / hair style , waan nama qabuun mataa hidhachuu koophii yeroo baayyee keewwachuu ,haalluu rifeensaa kan keemikaalota akka ammoniyaa , peroxide fa’a of keessaa qaban dibachuu
- Tamboo aarsuu
AKKAMITTI OF GARGAARUU DANDEENYAA
- Nyaata madaalawaa, keessattu pirootiiniin ( hanqaaquu, atara, baaqeelaa, qurxummii, oocholonii fi kkf ) vaayitaaminii A,B,C ( kaarootii, qaaraa, moosee, burtukaana,papaya fi kkf ) badhaadhan sorachuu.
- yeroo yeroo dhaan rifeensa ofii qulqulleeffachuu ( torbanitti guyyaa 3-4) ammaas shampoo fi filaa ilkaan babaldhaa qabu fayyadamuu .
- Rifeensa yeroo sirreeffannu haala ykn style rifeensa keenya harkisuu fi dhiibbaa uumu fayyadamuu dhiisuu
- wanta nama qabu/ dhippaea ta’e mataatti godhachuu dhiisuu.
- Haalluu rifeensaa isaa keemikaalota armaan olitti jenne qabu fayyadamuu dhisuu.