Buddeenni yeroo baayyee soorannu fayyaa keenyaaf bu’aa hangamii qabaa?

Mala saayinsawaan haala gahaa taheen qo’atamee badaa waa’eensaa hin himamne. Tahus iddoowwan Itoophiyaa baayyeefi lafa lammiileen Itoophiyaa jiranitti gosa nyaataa gabateerraa hin dhibnedha-buddeenni.

Nyaata qofaa immoo miti. Dhimmoota akka aadaa Itoophiyaatti eeraman keessaatis. Buddeenaan ala namoonni bulanii, ooluun isaan dhibu jiru. Buddeena yoo hin nyaanne, nyaata kan nyaatan kan itti hin fakkaanne xiqqoo miti.

Namoonni jiruu isaanii ‘buddeena koo’ jedhanii waamu. Manguddoonnillee ‘buddeennii siif haa bahu’ jechuun eebbisu.

Buddeena saayinsiin akkamiin ilaala? Albuuda qamaaf tahu kan akkamii fa’i qaba?

Dhimma kanarratti BBC’n Yunivarsiitii Finfinneetti ogeessa xiinxala soorataafi Asooshiyeet Piroofeesara wiirtuu qorannoo xiinxalaa soorataa, Dr Qaal’aab Baayyee dubbiseera.

Ogeessi kuni xaafii gama saayinsii soorataan ilaaluufi faayidaa inni fayyaaf qabu ilaalchisee qorannoon qopheessan karaa dhaabbata imaammata qorannoo soorataan maxxanfameeraafi.

Xaafii ykn biddeenni haala gahaa taheen hin qoratamne jedhu Dr Qaal’aab, ‘’inumaayyuu duraan homaa faayidaa akka hin qabneefi lammiileen Itoophiyaas kan qaqallo tahan biddeena gatii nyaataniif jedhamee qoosama ture.’’ jedhan.

Ogeessi kuni waa’ee gosa nyaataaa kana baruuf yaalaa jirra jedhu.

Xaafiin qabiyyee nyaataa of keessatti qabaterraa qabee, biddeena qopheessuuf adeemsi jiru faayidaa baayyee qaba jedhu.

Xaafiin maal fa’a qabateera? Sanyiin xaafii 600 caalu jira. Hundinuu wantoota qaama keenyaaf fayyadan qabaatanillee, walumaagalatti kaarboohaayidireetii, ayiranii/sibiila, pirootinii qamadiifi ruuzii keessa jirurraa fooyya’aa kan tahe(faatii asiid), albuuda, kaalshiyeemiifi faayibarii dabalatee qabiyyee nyaataa baayyee akka qabu qorannoon Dr Qaal’aab ni agarsiisa.

Buddeena tolfamee tuulameeru

Xaafiin qolli irraa hin ka’u

Gosoota nyaataa kaanirraa xaafiin hammaan xiqqoo dha. Xaafiin gumaan tokko miilimeetira tokko dha. Kanaanis qolasaa irraa kaasuuf akka qamadii tumuun rakkisaa dha. Kuni faayida xaafii dha? Akkamiin?

Dr Qaal’aab midhaan tumuu faayidaa akka hin qabne dubbatu. Dhangaan qaama keenya fayyadu qola midhaan irratti argama, kanaaf yeroo tumnu irraa kaasaa jirra jedhan.

Yunivarsiitii Dillaatti barsiisaa saayinsii nyaataa kan tahan Dr Yihunee Ayyala midhaan tumuun ‘qullaa gochuu dha’ jedhu. Xaafiin garuu otooma qola irraa kaasna jenneeyyuu hin danda’amu jedhu.

Xaafiin gumaansaa xiqqoo gatii taheef tumuuf rakkisaa dha. Kanaaf qabiyyee nyaataa keessa jiru keessumaa faayibariisaa kallattiin akka sorannu nu gargaareera jedhu.

Dabalataan Xaafiin xiqqoo tahuunsaa gosa nyaataa kaanirraa qabiyyeensaa qaama keessaarra qola isaarra akka jiraatu taheera jedhu.

‘’Kana jechuun maal jechuu dha? Qabiyyee nyaataacbiroofi faayibarii wajjin sooranna. Kunis bu’aa xaafii isa gara biraati,’’ jedhaniiru.

Faayidaa biddeenaa: Oyiruu hanga gabatee

Oyiruu irratti yeroo calleefame:

Xaafiin biddeena otoo hin tahiin adeemsi keessa darbu faayidaa olaanaaa qaba. Dr Yihunee qabiyyeen ayraniisaa akka baay’atu kan godhe akkaataa itti calleefamu dha jedhu.

‘’Xaafiin qonna ammayyaawaan otoo oomishamee xaafii tahuunsaa ni dhaabbata. Sababiinsaas ayiraniinsaa harka shantamaa ol hin argamu. Koottee bineeldotaan yeroo baraayeeffamu xaafiin ayiranii baayyee biyyoorraa fudhata.’’ Kan jedhan yoo tahu eelee irratti yeeroo tolfamu immoo madda ayiranii gara biraa dhas jedhaniiru.

Fermenteeshinii

Biddeenni tolfamuun dura bukeeffamee adeemsi hanga guyyaa sadiitti akka turu taasifamu ‘farmenteeshiniin’ fayyaaf gargaara. Hanga tahes gara asiidiitti jijjiirama. Asiidiirraa qabiyyeen nyaataa gaarii akkamiin argama?

Dr Qaal’aab adeemsa farmeenteeshiniin asiidiin argamu baakteeriyaa ilmaan namaa dhukkubaaf saaxiluu danda’an carraa wal-horuu isaanii hir’isuun nyaata fayyaaf tolu akka tahu taasisa.

Adeemsi kuni vitaamiinis nuu fidee dhufa. ‘’Isa xaafii keessa hin jirre vitaaminoota dabalataa akka argannu nu taasisa,’’ kan jedhan Dr Qaal’aab,’’daakuun xaafii bukeeffamee turuun isa yaadneen caala faayidaa qabaachuu akka malu tilmaamna,’’ jedhu.

Afaan keessatti bulleessuu

Akka Dr Yihuneen jedhanitti biddeena waa ittiin marree nyaanna gatii taheef wanti waliin nyaannu akka bullaa’u gargaara. Kunimmoo adeemsi bullaa’insa nyaataa sirnaan akka raawwatu gargaara.

Buddeenaa fi xaafii

Giluutiinirraa bilisa dhaa?

Qamadii dabalatee gosooti nyaataa garagaraa of keessatti qabiyyee nyaataa giluutiin jedhamu qabu. Kunis namoota hin taaneefitu jira. Mar’immaan isaanii akka madaa’u, dhukkubbii garaa, garaan afuufamuufi goginsa garaa fida. Keesumaa namoonni biyyoota Noordiik dhukkuba kanaan rakkatu. Biddeenni namoota kunneeniif mijataa dha sababiinsaas giluutiin hin qabu.

Qaamaafi fayyaaf

‘’Biddeenni faayibariin kan badhaadhe dha. Sun immoo miya garaaf faayidaa guddaa qaba,’’ kan jedhan Dr Qaal’aab, dabalataan akkaataa soorataa keenyaa sirreeffachuuf, ulfaatina hir’isuuf akka gargaaru himu. Kana malees dafee daakamee dhiiga keessa ijaa hin raabsamneef, ‘’walumaagalatti namoota dhukkuba sukkaaraa qabaniif gaarii dha jechuu baannullee filannoowwan nyaataa biroo irraa fooyya’aa dha,’’ jedhaniiru. Kana malees hir’ina dhigaa ittisuufis xaafiiin ni gargaara

Xaafiin walumaagala adiifi diimaa haa jedhamuyyuu malee gosa 600 caalaa qaba jedhu. Kanneen keessaa qabiyyee nyaataa fooyya’aafi ayiranii baayyee qaba. ‘’Yeroo baayyee xaafiin diimaa fooyya’aa garuu yeroo hunda miti,’’ jedhu Dr Qaal’aab. Garaagarummaan gosoota xaafii gidduu jiru yoo tahu,’’gosoo midhaanii kaanirraa garuu qabiyyee olaanaa tahe qaba,’’ jedhaniiru.

Xaafii bifa biraan

Xaafiin yeroo baayyee biddeena, darbee darbee immoo tussoo taheetu tolchama. Tahus bifa biraan tolchamuu jalqabeera jedhu Dr Qaal’aab. Daabboo fi kornifileeksii xaafiirraa hojjechuuf yaaliin taasifamaa jira jedhaniiru.

Dabalataan Yunivarsiitiin Finfinnee paastaa xaafii of keessaa qabu beeksisuu yaaleera jedhan. Kana malees bifa biskuutii fi gosoota nyaataa gargaraa waliin makuun dhiyeessuun akka danda’amu himaniiru. Yaaliiwwan eegalaman itti fufuu qabu kan jedhan Dr Qaal’aab adeemsichi garuu qabiyyee nyaataa kan keessaa dhabamsiisu tahuu hin qabu jechuun yaadachiisaniiru.

Haa tahu malee xaafiin gosa nyaataa qabiyyee hunda qabu jedhamu miti kan jedhan immoo Dr Yihuunee dha. Biddeena qofa osoo hin taane gosti nyaataa kamiyyuu ‘ofiin guutuu miti’.

Kanaaf nyaata garagaraa nyaachuun malee gosa nyaataa tokko yeroo hunda nyaachuun qabiyyee gahaan hin argamu. Kanaaf dhangaawwan biddeena waliin dhiyaatan sa’aatii nyaataa hundatti garaagara gochuun sirna nyaataa fayyaalessa akka qabaannu himu.

Related Posts

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *