Buufanni qorannoo hawaa idil-addunyaa Dacheerratti kufuufi

Bufanni hawaa idil-addunyaa (ISS) jalqaba bara 2031 keessa Dacheerratti kufee Garba Paasfik keessa akka seenu NASAn beeksise.

Haata’u malee, buufannni hawaa kun hanga bara 2030tti hojii isaa ittuma fufa.

Ejensiin hawaa Ameerikaa gabaasa torban kana baaseen buufanni hawaa idil-addunyaa kun kutaa galaanaa Point Nemo jedhamuun beekamu keessatti akka kufuuf jiru ibseera.

Bakki Point Nemo jedhamu bakka awwaala xiyyaar-samii akka ta’etti beekamu kun lafa Dachee keenyarraa fagaatee argamudha.

Buufata hawaa Raashiyaa Mir jedhamtu dabalatee saatelaayitoonniifi caccabaawwan hawaa biroo bara 2001 keessa bakka Point Nemo kanatti kufaniiru.

NASAn gara fuula duraatti sochiiwwan hawaa Dacheetti dhiyoo ta’an kan gaggeessan seektara daldalaa ta’u jedheera.

Buufanni hawaa idil-addunyaa ejensiiwwan hawaa walooman shan of keessaa qabu bara 1998 irraa kaasee marsa-pilaanetiirra kan ture yoo ta’u, bara 200 irraa kaasee walitti fufinsaan hojjechaa tureera. Kutaa qorannoo Maayikiroo-giraaviitii keessa isaa jiruun qorannoowwan kuma sadii ol gaggeeffamaniiru.

Haata’u malee kutaan qorannoo kun hanga bara 2024 qofatti akka hojjetu kan hayyamameef yoo ta’u, yeroo isaa dheeressuudhaaf miseenni garee kanaa hunduu waliif galuu qabu.

ISS hojiin ala gochuudhaaf kan karoorfame hawaa Dacheetti dhiyoo ta’een-sochiiwwan marsa-lafaa gadi aanu keessatti tasifaman gara seektara dhuunfaatti dabarsuuf akka ta’e NASAn beeksiseera.

Waajira Muummee NASAtti daarektara hawaa daldalaa kan ta’e Fiil Maakiliistar, “seektarri dhuunfaa deeggarsa NASA irraa argatuun bakkaawwan marsa-lafaa gadi aanan missomsuufi hojjechuudhaaf dandeettii isaa ni qabu,” jedheera.

Bara 2020 NASAn ISS waliin walqabsiisee mana qaama itti dhiqatan, mana fincaanii/booliifi wantota bu’uuraa biroo kan qabu yoo xiqqaate buufata jireenyaa tokko akka ijaaruuf kampaanii Teeksaasitti argamu Aksiyuun Ispees jedhamuuf kennee ture.

Dabalataanis, kampaaniiwwan sadiif buufata hawaa akka ijaaraniif, akkasumalleen marsa-pilaanetaa irratti buufatawwan daldalaa biroo akka ijaaraniif NASAn deeggarsa maallaqaa taasiseera.

NASAn pirojektoonni kunneen osoo ISSn hojii isaa hin dhaabiin gariin akka hojjechuu jalqaban abdateera.

NASAn buufata cimaa dinagdee daldalaa Ameerikaatiin gaggeeffamu kan marsa-lafaa gadi aanaarratti hojjetu uumuun barbaada jechaa jira.

Seektara kana gara dhuunfaatti naannessuudhaan marsa-lafaa gadi aanaarratti sochii taasifnaan sochii gadi fageenyaan hawaa irratti taasifamuuf baasii bahu dolaara biliyoona 1.3 qusachuun ni danda’ama jeha NASAn.

Gabsaani NASAn torban kana maxxanse kan bahe bulchiisni Joo Bayidan sochiiwwan buufata hawaa hanga bara 2030tti dheeressuudhaaf murannoo akka qaban erga dubataniidha.

Haata’u malee, adeemsi dheeressuu kun Ameerikaa qofaan kan murtaa’u miti. Raashiyaa dabalateewaliigaltee biyyoota deeggarsa maallaqaa taasisanii gaafata. Buufanni hawaa hanga 2024tti akka hojjetu kan hayyame mana maree Ameerikaa qofaadha.

Itti-gaafatamaan sagantaa hawaa Raashiyaa Dimiitirii Roogooziin gaaffiifi deebii burqaa oduu Raashiyaa, Interfaaksiif kennaniin bara 2024 booda NASA waliin hojjechuuf hayyamamoo akka ta’an ibseera.

Itti-gaafatamaan Koroporeeshinii Hawaa Raashiyaa gama isaaniitiin, qoqqobbii Ameerikaan Raashiyaarra keesse industirii hawaa biyyattii miidhuu himuun, qoqqobbiin kun ka’uu baannaan Raashiyaan hirmaannaa sagantaa ISS keessatti qabdu dhumachuu danda’a jedheera.

Ameerikaafi michoonni ishee warri Lixaa Raashiyaan Yuukireeniin kan weerartu taanaan qoqqobbii dabalataallee akka irra kaa’an dhaadachaa jiru. Haata’u malee, qoqqobbiin kaa’an maal akka ta’e hanga ammaatti wanti beekame hin jiru.

Raashiyaan kanaan dura ISSn bara 2030 booda hojjechuu akka hin qabne kan ibsite yoo ta’u, meeshaaleen yeroon itti darban gara kufaatii suphamuu hin dandeenyetti geessuu danda’u jechuun akeekkachiifteetti.

Related Posts

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *