
Dargaggeessi Somaaliyaa halkan tokkotti dubartoota lama fuudhe dhiiroti biroos akkas akka godhan nan jajjabeessa jedha.
Bashiir Mahaammad dubartoota kana ji’a saddeet erga waliin turee booda akka itti heerumaniif amansiisee jedha.
”Lamman isaaniiyyuu mana kootti waamee akka haalan walbarru gochaan ture” jechuun BBC’tti hime.
”Akkan lamman isaaniiyyuu jaaladhu ifatti itti himeera, isaanis gammadoo dha” jedhe
Lamaan isaanii al tokkotti fuudhuun akka isaan walirratti hin hinaafneefi jedha Mahaammad.
“Akkan isaan jaaladhu lamaanu ifatti itti himaan ture, gammadoo turan,” jedha.
Dubartii lama kan fuudhees ijoollee baay’ee waan barbaaduufi.
Viidiyoon cidha isaanii ‘Youtube’ irratti fe’amee jira.
”Yoo qabeenya qabaatan, dhiiroti biroollee lama akka fuudhan nan jajjabeessa” jedha
Aadaa Somaaliyaatti dubartii bay’ee fuudhuun hayyamamaa dha. Al tokkotti lama fuudhuun garuu hin baramne kan jedhemmoo gaazexeessaa BBC Mohammadi.
Kuni yeroo dhihoo asitti waan baramaa dhufe fakkata jedheera.
Miidiyaan Somaalilaand Mohaammad ganda Siinaayi jedhamtu keessatti gaafa waxabajjii 22 dubartoota Iqiraa fi Nimoo jedhaman fuudhe jechuun gabaasaniiru.