
Kubbaniyyaa haadhoo Facebook kan ta’e Meta’n Kamisa kaleessaa doolaaraa Ameerikaa biiliyoona 230 kassaruu ibse; kisaaraan akkasii takkaa isa mudatee akka hin beeknes ibseera.
Baajata kurmaanaa kubbaaniyyaarratti kisaaraa qaqqabe keessaa inni kun dhibbeentaa 26.4 qooddata.
Meta’n lakkoofsi maamiloota guyyuu Facebook fayyadamanii haala waggoota 18 darban keessatti ta’ee hin beekneen akkaan gadi bu’uusaas ibseera.
Kisaaraan Kubbaaniyyaa haadhoo Facebook kan ta’e Meta irra ga’e kun qabeenya Hoogganaa kubbaaniyyaa kanaa Mark Zuckerberg doolaara Ameerikaa biiliyoona 31n hir’iseera jedhe jaarmiyaan qabeenya biiliyeenarootaa baasuun beekamu- Bloomberg Billionaires Index.
Hir’inni qabeenya Mark Zuckerberg irratti mul’ate kun galii biyyi Estonia waggaatti argattuun walqixa.
Kubbaaniyyaan Meta gabaasa kana kan baase erga fayyadamtoonni guyyuu Facebook biiliyoona 1.929n hir’achuu ibseeti.
Fayyadamtoonni Facebook hanga dhuma Muddee darbeetti ji’oota sadan turan keessatti lakkoofsi isaanii akkaan hir’iseera, isa dura ammoo biiliyoona 1.930n hir’isee ture.
Miidiyaan hawaasaa guddicha addunyaa mara irratti beekamu kun seenaasaa keessatti rakkoo akkanaan keessa galee hin beeku, taateen akkanaan yeroo jalqabaaf isa mudataa jira.
Meta’n morkattoota isaa kanneen akka TikTok fi YouTube waliin yoo of dorgomsiisu akkaan galii itti argataa jiru akkaan harkifataa jiraachuurrattis yaaddoo qabaachuu himeera.
Dhaadhessitoonnis Facebook irraa gara kaanitti goraa waan jiran fakkaatu.
Mark Zuckerberg akka jedhutti, dargaggoonni gara TikTok fi YouTube godaanaa waan jiraniif gabaan Facebook akkaan rukutameera.
Kubbaaniyyaan bara kana kurmaana jalqabaa keessa galii doolaara biiliyoona 27-29 argachuuf karoorfate, xiinxaltoonni ammoo kun seenaa Facebook keessatti isa gadi aanaa jedhan.