
Kintaarotii ykn baasuur sababa dhiita’uu hidda dhiigaa naannoo buubbuu fi munneettii argaman irraan kan ka’e kan dhufudha.
Mallattoon dhibee kintaarotii maalidha?
- Miira dhukkubbii/hoosisuu ykn gubaatii naannoo munnee
- Dhiita naannoo munnee fi buubbuu
- Yeroo sagaraa taahan dhiiti xiqqooo gadi bahuu ykn dhiiguu
Wantooti kintaarotiif namatti fida ?
- baayyeeen sababa dhiibbaaan dhiigaa naannoo hudduu fi munnee jiranii dabaluurraa kan ka’e kan dhufan yoo ta’u wantootni kanaaf nu saaxilanis
- Yeroo mana fincaanii ykn boolii dhaqan baayyee hittanuu
- Yeroo dheeraaf mana fincaaniirra taa’aa turuu
- Ulfaatina qaamaa garmalee
- Yeroo ulfaa
- Nyaatawwan faayiberii xiqqaa qaban kan googinnsa garaa fidan soorachuu
- Meeshaawwann ulfaatoo tahan yeroo baayyee baachuu
- Garaa kaasaa fi googinsa garaa yeroo dheeraa
- Yeroo dheeraaf taa’aa turuu
Kintaarotii ykn baasuur akkamitti ofirraa dhorkuu dandeenya?
- Nyaatawwan faayibarii olkahaa qaba kanneen akka nyaata fuduraaf muduraa akkasumas nyaata calla ta’an baay’inaan fayyadamuu
- Bishaan baayinaan dhuguu. Namni tokko guyyaatti bishaan burcuqqoo 6-8 dhuguu qaba. Kunis sagaraa bahu laaffateef baay’inaan akka ba’u gochuun hittanuu garmalee fi gogiinsa garaagaraa nurraa dhorkuu danda’a
- Yeroo mana fincaanii teessan hafuura keessan addaan kutuun baayyee hittanuun dhiibbaa ujummoo dhiigaa naannoo munneerra jiranii waan ol kaasuuf gocha akkasiirraa of qusachuu
- Akkuma miirri sagaraa taa’uu isinitti dhufetti mana fincaanii deemuu. Sababni isaas sagaraan mar’ummaan keessa yoo ture ni gogaa waan ta’eef