Dhibee Teetanasii Maaltu namatti fida?


Dhukkubni Tiitanasii kan baakteriyaa clostridium tetani jedhamuun kan dhufu yoo tahu baakteeriyaan kun dandeettii waggoota dheeraaf awwaara fi waantoota akka sibiila dandaa’e waliin turuu qaba. Erga karaa madaa adda addaa qaama keenya seenee booda sirna narvii keenyaa huba. Kunis summii hamaa qaama garmalee miidhu tetanospasmin jedhamu qaama keessati gadhi dhiisuun maashaaleen qaama keenyaa hundi akka kottoonfatan taasisuudhaan nama goggogsa. Haaluma kanaan maashaalee hargansuu kottoonfachiisee akka hin diriirre taadisuun qilleensa dhowwee du’aaf nama saaxila. Dhukuba hamaa kanaakkamiin ofirraa ittisuu dandeenyaa?
Dhukkubni Teetanasii eega nama qabatee gara dhukkubaatti jijjiiramee booda qoricha fayyisu yokaan dudduuba deebisu hin jiru.
Osoo nu hin qabiin garuu akkuma qaamni keenya madaa’een madaa osoo hin tuffatiin buufata fayyaa yokaan hospitaalas tahe kilinika dhuunfaa deemnee qoricha TAT yoo fudhannee rakkoo hamaa kana jalaa of baasuu dandeenya.

Related Posts

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *