
Dhiibbaan fiilmii saal-qunnamtii ifatti agarsiisan ‘porn’ jedhamuun beekamu dhiirota irratti qabu qoratamaa tureera, garuu dhiibbaa akkamii akka dubartoota irratti qabu waan muraasatu beekama.
“Ani yeroon fuula agarsiisa garee saal-qunnamtii gadi-dhiisii koo yeroo jalqabaa kanan arge waggaa 12 yeroon jirudha,” jetti shamarreen ganna 24 Neelam Tailor.
Ishee qofaa miti – qorannoon bara 2016 gaggeeffame akka agarsiisutti ol-adeemoo umuriin isaanii waggaa 11 hanga 16 keessa %53 toora interneetii irratti saal-qunnamtii gadi-dhiisii daawwataniiru.
Ammallee, hangama fiilmiin ‘porn’ dhiibbaa dubartoota irratti geessisu waan muraasa qofaatu beekama. Qorannoon saayinsawaa ta’e gaggeefame hedduunis hin jiru.
Neelamiitiif, fiilmii saal-qunnamtii akkasii kana ilaaluun fedhiifi kaka’umsuma salphatiin jalqabame.
Seenaa shamarree Neelaam

“Ani baayyeen rifadhe. Nama daa’imummaa irraa fiilmiiwwan jaalalaa yeroo namoonni jaalala qajeelaa walitti agarsiisan ilaalaafi saal-qunnamtiin akka waan miidhagaafi qulqullaa’aa ta’etti yaadaa guddate, gara kan akkasii kana ilaaluutti deemuun…” jechuun miiraan ibsiti.
Yeroo umuriin ishee waggaa 11 fi 16 gidduu jiru Neelam guyyoota gara caalan fiilmii ‘porn’ daawwatti turte.
“Yeroon kana ilaalaa turetti maatiin koo kana baraniiru jedhee hin yaadu,” jetti.
Jalqaba irratti isheedhaaf rifaasisaa ture: “Akkan yaadutti ‘porn’ nama adoocha. Ani hanga sadarkaa na rifaasisuu yaa turuu waan tokkoyyu natti hin fakkaannettin ga’e – wantota miidhaa qabaniifi waan adda addaa dawwachuun akka waan sirriitti naaf fudhatamaa dhufe.”
“Akkan yaadutti isa fiilmiidhaan argeen caalaatti ammoo baruun barbaada. Tarii fedhii saal-qunnamtii raawwachuu ol-aanaan qabaadha ture, ykn yeroo sanas ammoo sadarkaa dargaggummaa qaqqabaan jira ture ta’ee waan isaa hin beeku. Garuu isaan booda toorawwan fiilmii beekamoo of keessaa saal-qunnamtii qaban barbaaduuttan ka’e.”
Achumarraan eebbifamte, garuu waantota gadi-dhiisii akkasii daawwachuu ittuma baayyiste.
“Mana barumsaatti waa’ee ‘porn’ dhaga’eera, garuu mana barumsaa barattoonni hunduu ijoollee durbaa ta’anittin makame waan ta’eef ‘waan akka dhiironni qofaan godhaniitti’ ilaalama ture. Kaka’umsa waan haaraa baruuf ani qabu na jalaa laaffise garuu akka qaaniin natti dhaga’us na taasise.
Akka waan uumamaan ala ta’e ykn ijoolleen durbaa sirrii ta’an hin raawwanne tokko akkan raawwadhutti natti dhaga’ama ture.”
Neelam akkuma viidiyoowwan gara garaa jiran hubachaa dhufteen, dhamdhama adda addaa uummachaa dhufte.
“Fiilmiiwwan ‘Porn’ kan dubartiin keessatti guutummaatti dabarsitee of kennitu, tarii ammoo keessatti dirqamtu, kan isheen keessatti dirqamtee waan dhiirri jedhu/fedhu raawwattu agarsiisu barbaaduuttan ka’e.”
“Ykn dhiirota jaarsomaniifi ijoollee durbaa reefuu gidduutti kan taasifamu ilaaluuttan ka’e. Maaliif akka ta’e hin beeku, garuu umurii sanatti (waggaa 13) yeroon jiru sanatti filannoo fedhii saal-qunnamtiif qabu uummedheeni jedhee hin amanu.”
Seenaa Saaraa

Kan umuriin ishee ganna 25 Saaraanis muuxannoo Neelaan wal fakkaatu qabdi.
“Ani fiilmii ‘porn’ daawwachuu kanan jalqabe yeroo umuriin koo waggaa 13 ykn 14 ta’u ture. Yoo xiqqaate torbanitti si’a lama nan ilaala. Akka waanan waan fedha koo argadhee garaa na ga’eetti natti dhaga’ama ture.
“Akkamitti akka waan kana irratti dafee keessi koo adoode nan yaadadha – dhiirota 10 fi dubartii tokko, garee gadi-dhiisii warra munyuuqan ta’ee kan dubartoonni ammoo kabalamtu ykn dararamtu hunda ture osoon saal-qunnamtii raawwachuu ofiin hin jalqabiin kanan daawwachuu jalqabe.”
“Ani ammallee nan daawwadha, yoo hedduu ta’uu baatullee. Garuu ergan waggoota 10 oliif dhaabbataadhaan daawwadhee booda, osoon miira saal-qunnamtii kakaasuu sadarkaa guddaa kan akka itti hafarsuufaa barbaachisuu hin argatiin garaa of ciibsuun akka rakkisaa ta’ettin yaada. Ykn ammoo ‘porn’ caalmaattin barbaada,” jetti Saaraan.
‘Porn’ fi sammii (dhiiraa)

Dhimma dhiirotaafi ‘porn’ hedduminaan fayyadamuu ilaalchisee dhaabbileen oduufi saayintistootaan hedduun barreefameera.
Bara 2016 keessa, Angela Gregory, gorsituun xiinsamuu sirna saal-qunnamtii Biriitish kan NHS keessa hojjettu BBC’ttti akka himtetti, ‘porn’ salphaatti argachuun akka lakkoofsi dhiirotaa rakkoo qaama saalaa dadhabuutiin wallaansaa barbaadan dabalaa dhufu taasiseera.
Akka xiinxala barnoota tola-ooltummaa Biriitish kaa’utti, baroota 2000n keessa rakkoo saal-qunnamtii irratti dadhabbii agarsiisuutiif %2 hanga %5 kan ta’uuf sababiin ‘porn’ ture, yeroo ammaa kana ammoo akka gara %30 tti guddate himama.
Qorattoonni US akka jedhanitti, dhiironni umurii dargaggummaatiin ‘porn’ tiif saaxilaman, yaada ol-aantummaa dhiiraa jedhu waliin waliif galu. Kunis kan akka “Yeroo dhiirri itti gaafatamummaa fudhatu wantonni ni sirraata jedhudha.”
Dhiibbaa ‘porn’ sammuu dubartii irratti qabu eenyutu qorataa jiraa?

Qorannoo dhiyeenya kana BBC Three tiif namoota 1,000 waggaa 18 hanga 25 jiran irratti hojjetameen, ji’a darbe keessa dubartoonni %47 ta’an akka ‘porn’ daawwataniifi kanneen %14 ta’an ammoo araadni isaa nu qabata jedhanii akka sodaatan dubbatu.
Yaada ogeessonni kennaniin ammoo, dubartoonni, ‘porn’ akka waan cimsee barbaachisaa ta’eetti akka hin fayyadamnedha.
Ykn yoo kan fayyadaman ta’ellee baayyee dhiibbaa kan isaanirrraan hin geenyedha jedhu. Dubartoonni sababii qorannoo kanaan itti dubbatame garuu seenaa biraa dubbatu.
Dhiibbaa ‘porn’ dubartoota irratti qabu – dubartoonni maal jedhu

Neelam yeroo umuriin ishee wagga 16 jiru kan ‘porn’ daawwachuu dhaabde, sababiin isaas dhiibbaa qaama irratti inni qabuuf ture.
“Hiriyyaa dhiiraa koo jalqabaa ergan qabadhee booda saalq-qunnamtii isuma tureefi karaa baramaatiin garaa akka na hin geenyen hubaadhe,” jetti Neelam.
“Akka ani yaadutti ‘porn’ sadarkaa fedhii kakaasuu kan uumamaa hin taanedha, keessattuu yeroo waan 10 banamee qabdutti namni michuu kee ta’e tokko akkamiin bakka kudhanii kana ta’uu danda’a?”
“Garaa garummaa ‘porn’ daawwataa jiruufi kan yeroon saal-qunnamtii sirriifi baramaa raawwadhu gidduu jiru hubachuun… ani hedduun sodaadhe. Ani ‘gara mana boolii/fincaanii deemuun osoon saal-qunnamtii hin raawwatiin dura ‘porn’ ilaalee sirriitti of kakaasuun narra jiraa’? jedheen yaada”.
Saatii sanarraa jalqabdee daawwachuu dhaabde. “Ani ‘araadni na qabeera’ jedhee hin yaadu sababiin isaas yeroon barbadutti nan dhaabee, ergasii ammoo irra deebiyee ilaaluu hin barbaanne.”
Kan umuriin ishee ganna 28 Hannaan ammoo yaada ‘porn’ hedduu daawwachuun ,miira namaa gadi buusa kan jedhu waliin waliigalti. Garuu arguu isheerraas akka waan buufatte qabduttis itti dhaga’ama.
‘Porn’, shakala saal-qunamtiifi qaanii

Dr Leila Frodsham gorsituu wallaansa gadameessaafi dubbi himtu dhaabbata Qoricha Xiinsamuu Saal-qunnamtiidha.
“Ani waggaa 20 namoota wallaanaan ture, hanga ammaatti dubartii ‘porn’ waliin walqabatee rakkoon qaba kan jettu na mudatee hin beeku.
Frodsham akka jettutti ‘porn’ shaakala saal-qunnamtii akka jijjiiramuuf ga’ee ni qabaata.
Isheen akka jettutti, naanoo hojjettu keessatti, namoonni dhukkuba karaa saal-qunnamtii dadarban naannoo fuulaafi ijaatti mullatu dabalaa jiraachuu taajjabdeetti.
“Waggoota 20 wanta akkasii hedduu hin arginu turre. Yeroo ammaa kana garuu dabalaa jira,” jetti.
akka ogeettiin kun jettutti dhiironni wallaansaaf gara mana yaalaa dhaqab dabalaa dhufeera. Rakkoo ‘porn’ daawwachuun walqabatee dhufus ifatti himachuun ni jira.
Dubartoota ilaalchisee garuu qorannoon gaggeeffame hin jiru. Qorannoo amma gaggeefamee hin jirretti garuu,” ofuma keessan yaadaamee, dubartoonni miidhaa qaamaafi sammuu kan irra ga’e osoo jiruu wallaansaaf doktora biraa deemuu dhiisanii?”
“Waa’ee dhimma kanaa dubbachuudhaaf baayyee qaana’anii? Moo isaan sababii rakkoo kamiyyu hin qabneefidha?”
Seenaa shamarree Erikaa

Barreessituun Ameerikaa Erikaa Garzaa, yeroo ammaa umuriin ishee waggaa 36 yommuu ta’u ‘porn’ kan ‘softcore’ jedhamu TV waarii dabaru irrattti dawwachuu jalqabde ammoo yeroo umurrin ishee waggaa 12 jirtu. (Barri sun 1994 waan ta’eef interneetiin yeroo sana reefuudha).
“Rakkoo dugdaa waanan qabuuf yeroon mana barumsaa deemutti waan dugda koo da’u uffadheen deema ture,” jetti. “Yeroo sanatti waan natti qoosaniifi qofummaan natti dhaga’ama ture. Anis qofummaa kana of dagachiisuudhaaf ‘pornography’ fi mala miira saalaa koo ofiin of gammachiisuun fayyadama ture.”
“Ani eessaa akka dhufe hin beeku, garuu waanti samuu kootti dhaga’amuufi duraan ani yaadu jira ture.
Ani mana barumsaa ijoolleen durbaa qofti itti baratan kan warra Kaatolikii ta’ettan baradhan ture. Saal-qunnamtiin akka dhiiraafi dubara dhimma tokkoof jedhanii waljaallatan gidduutti raawwatamu qofatti yaadama ture. Innis: walhormataf jecjha.”
Erikaan ‘porn’ guyyaa guyyaan hin fayyadamtu ture garuu jireenya isheefi dhimma hariiroo jaalalaa isheeratti dhiibbaa uumeera.
“Inni wanat yeroon mukaa’u ykn yaadda’u ani itti mukuu bahu ture. Kun garuu hojiiwwan biroo irraa na fudhatee ture. Qofaatti adda of baasuun eegale, waa’ee ofii kootii waan badaan natti dhaga’amuu jalqabe, waa’ee ofii kootii waanti dogogora ta’e akka jirutti yaaduun jalqabe.”
Barreeeffama Barruu Salon jedhamu irratti bara 2014 barreessiteen araada saal-qunnamtuu qabduuf wallaansa argachuu akka murteessite baastee turte.
‘Porn’ jireenya saal-qunnamtii keessatti kanan barbaadu ni jijjiiraa?

Waggoota dheeraaf Neelam ganamaan ‘porn’ daawwachuuf saaxilamuun hangama akka fedhii saal-qunnamtii qabdu irratti dhiibbaa taasise gaafatti.
Gaaffiin kun kan dubartoota hedduu akka of gaafataniif ani itti dubadhedheefi ani yeroo baayyee yaadudha ture.
‘Ani nama tokkoyyu hin amanu, keessattuu ijoolleen durbaa ol-adeemoo barumsa saal-qunnamtii ‘porn’ irraa argachuu qabu jedhee hin amanu’
Bara 2010 keessa xiinxalli fuulawwan ‘porn’ 300 ta’an irratti taasifamee, %88 kan ta’u miidhaa qaamaa geessisuu akka qaban bira ga’ameera.
Akka qorannoo kanaatti, kan miidhaa geessisan dhiirota yommuu ta’an kan miidhan irrra ga’u ammoo dubartootarra. Yeroo dhiironni miidhaa geessisanis deebiin dubartootaa garuu dhiirota isaan miidhe sana gammachiisuu ykn haala nagaa ta’een deebii kennuudha.
Garuu akkamitti akka kun dubartoota miidhuu dana’u odeeffannoo gadi aanaa ta’etu jira.
“Waan fedheefuu, akka ani yaadutti manneen barnootaa dursanii dammaquun ijoollee waa’ee saal-qunnamtii barsiisuu qabu,” jetti Neelam.
“Akka ani yaadutti ‘porn’ ammallee manneen barnootaatti akka safuutti ilalama garuu ykn mana barumsaa yookaan ammoo ‘porn’ tti isaan barsiisa ta’a. Kanaaf, ani namni kamiyyu, keessattuu ijoolleen durbaa barnoota saal-qunnamtii ‘porn’ irraa argachuu qabu jedhee hin amanu.”
Akka dubbi-himaan mootummaa BBC three tti himetti: “Tarkaanfiin kun ijoollee keenya qabiyyeewwan wanota saal-qunnamtii qaban kan yeroo ammaa toora interneetii irra salphaatti argachuu danda’an irraa ittisuudhaaf isa adda dureedha.
Mootummaaniifi Boordiin Biriitish Fiilmii Adda Baasu (British Board of Film Classification (BBFC)) akka to’ataa ta’anitti dhimma kana hojii irra oolchuudhaaf yeroo kan fudhatan yommuu ta’u guyyaa inni itti jalqabu yeroo dhiyoo keessatti beeksifna.”
Porn gaabbii malee

“‘Porn’ daawwachuun rakkoo hin qabu” jetti Erikaan. “Akkuma wayiniidha, namoonni hanga kubbaayyaa tokko fudhachuun dhiisuu ni danda’u. Kanneen biroo ammoo guutummaa qaruuraa isaa dhuguu barbaadu.”
Sammuun Neelam itti bareera: “Waggaa muraasa dura irra deebiyeen ‘porn’ daawwadha, kanan kana godheefis maaltu akka natti dhaga’amu ilaaluudhaaf jecha. Garuu itti hin gammanne ture. Ani amma isa fixadheera.”
Haannaan amallee darbee darbee ni daawwatti garuu waantota fayaadamtu cimsitee filatti.
“Ani akkan ‘porn’ isa dhaabbataa keessatti bakka nan bu’a jedhee hin yaadu, kanaaf ani warra xixiqqaa, adeemsa seera qabeessaa yoo jiraatan nan ilaala. Ykn viidiyoowwan manatti hojjetaman kan dhirsaafi niitiin ilaala. Inni caalmaatti kan dhugaa jiruufi ani caalaa banadhudha.”
Akka dhuunfaatti ani Erikaa waliin walii nan gala. ‘Porn’ daawwachuun rakkoo hin qabu.