DHIIGUU IRGAANII MAALTU FIDA?

Mallattoolee dhukkuba irgaan keenyaa garsiisan keessaa tokko dhiiguu irgaaniiti. Dhukkubootni hahamoon birootis dhiiguu irgaanii fiduu dandayu.

WANTOOTA DHIIGUU IRGAANII FIDAN
• Humnaan rigachuu
• DALLANSUU/kulkaa irgaanii(gingivitis)
• Ilkaan nam-tolchee sirnaan hin kaayamin
• Ulfa
• Hir’ina vaayitaamin C fi K
• Dhukkuboota akka kaanseerii dhiigaa(leukemia),dhukkuba sukkaraa…fi KKF
• Xiqqaachuu pilaatleetii fi haphachuu dhiigaa
• Qorichoota dhukkuba biroof fudhannu fi KKF faadhaan dhufuu dandaya.

ITTISA DHIIGUU IRGAANII

  1. Aadaa qulqullina afaanii eegachuu qabaachuu
  2. Buruusha ilkaanii sirrii fayyadamu fi sirnaan rigachuu
  3. Nyaata madaalaawaa nyaachuu
  4. Amala waggaan kilinika ilkaanii deemanii of qorachiisu qabachuu
  5. Tamboo xuuxuu dhiisuu fi KKF faadha.

Related Posts

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *