Dhiirri dubara akkamii jaalachuu qaba? Akkamitti hoo adda baafata?

Fedha foonii “Wal-quunnamtii saalaa”
Dhiirri baayyee fedha foonii guuttachuuf durba tokko jaallata. Keessumaa keessatti bara ammaa durba kaayyoo qabdu caalaa durba Ispoondaa yookaan boroo qabdu barbaadu Ijoolleen dhiiraa. Harra miira keessa ta’aanii filannoo baduun hin barbaachisu. Udduun amma kuntaalaa ga’u gaafa jireenyi itti bade dhadhaa abidda buute taati. Ofumaa isa ilaaltanii qilee of hin buusinaa. Bareedina fuulaa caalaa ilaalcha bareedaa ishee qabdu jaallachuutu baayyee murteessaadha. Bareedinni fuulaa hoomaa gatii hin qabu. Akka soogiddaa taa’ee cobee dhuma.

Ijoolleen dhiiraa gaafa durba tokko jaallattan harruma agartanii bor “Kiiskootti” fuutanii hin fiiginaa. Waan hundumaa caalaa waa’ee ishee qoradhaa. Akka tasaa fira ta’uu dandeessu, qomoof sanyii keessan qoradhaa. Firaaf firri wal fuudhee nama baayyeetu of ajjeesee. Waanti akkasii safuu guddaadha. Durba akka Addunyaatti bareedinaan, deemsaan, bocaan, fi kanneen kana fakkaataniin tokkoffaa taate yoo fuute maal goota kaayyoo hin qabdu taanaan? Bareedina ishee Baankii qabsiiftee qarshii itti fuuta moo maaliidha waansaa?.

Durba of beeknee wajjiin maaltu mataa si cabse. Durba tokko jaallachuuf ulaagaa inni guddaan. Amanamummaa yoo qabaatte, amala yoo qabaatte, obsa yoo qabaatte, kaayyoo yoo qabaatte, nama abjuu ishee dhugoomsu yoo taate malee duutuudha kanaan ala durbi jirtu.

Related Posts

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *