
➲ Dubartii qaxalee ta’i. Kana gaafa jennu, dubartiin dhiira caala kan of qaqqabdu, miidhagina ishee kan eeggattuu fi ofirrayyuu dabartee abbaa manaa ishii ykn jaalallee isheeyyuu kan bareessitu ta’uu qabdi. Huccuu umuriikee waliin deemu godhadhu. Qulqullinakee tasallee akka ofhin daganne. Hin baayisin malee meekaappis yoo gadhatte filatamaadha. Yoo akkas goote abbaa manaa baay’ee ofitti hawwatta, kan biraa ilaaluu hin deemu.
➲ Jaalallee kee jaalalaan mo’adhu malee balleesse jettee itti hin aarin. Shamarri dhiira caala garaa kan bal’attuu fi kan waa dabarfattu akka taate beekamaadha. Atis kana dhugoomsuu qabda. Yoo aaree sitti dubbate atimmoo qabbaneessi abbaa manaakee. Yoo si rukuteyyuu yeroo saniif obsi booda innuu dhiifama si gaafata waan ta’eef. Gaafa inni mufatee jiru yoo argite ilaaltee bira hin kutin. Rakkina isaa gaafadhu taphachiisii, irraanfachiisi. Faallaa isaa hin deemin. Isaaf jettee osoo hin taane faayidaa keetu nagaa keessa jira waan ta’eef.
➲ Abbaa manaa kee hin qaana’in waan kamiyyuu. Isa biratti ati bilisummaa qabda. Fknf isa fuuldura qullaakee deemun sitti ulfaachuu hin qabu. Qaamakee isa hin dhoksin. Qaama saala kee dabalatee ilaaluu yookin tuttuquu barbaade hin dhorkin. Yeroo walqunnamtii saalaa ibsaan dhaamsa hin jedhin. Uffata ofirratti hin harkisin.
➲ Siree irratti oogummaa qabaachutu sirra jira. Oogummaa akkamii akka ta’e siif gala jedheen yaada. Jalqabuma qaama walii ho’istan keessatti atis qooda leencaa taphachuu qabda. Caljettee ciisuu hin qabdu. Sossochii barbaachisaa ta’e godhi. Atis isarra korii qaamasaa ho’isi. Akka inni jedhe ta’iif. Fedhii kan kee ammoo yeroo inni bakka siif gahe sagalee addaa dhageessisii mirkaneessif. Karaa inni barbaade osoo yeroo hin gubin kallattii jijjiirtee kennuufii, haala danda’amu kamiinuu akka si waliin raawwatu eeyyamiif.
➲ Yeroo walqunnamtii saalaa wantoota sirraa eeggaman beekuu qabdu. Atis akka inni hin dadhabne isa gargaari. Afuura galfachiisi ati hojjadhu. Erga xummurtanii boodammo callistee ofvgattee ykn isarraa achi garagaltee hin ciisin. uffata sisirreessii, uffata walii keessanirratti deebisii haammadhuu, mormasaa jala seeni rafi.