DHUKKUBA SAREE MARAATUU (RABIES)


Dhukkubni kun kan vaayirasiidhaan dhufu yeroo ta’u, irra caalaan saree maraatteen yeroo ciniinaman kan gorora saree sana keessaan gara namaatti darbudha! Innis Sirna narvii walakkeessaa miidhuun, sammuun akka dhiita’u gochuun, mallattoo garagaraatiin mul’ata! Vaayirasiin kun ciniinnaaa yookiis hanqooqqaa bineensota manaa fi daggalaa kan akka:-
Adurree,. Sa’a, Re’ee, Farda,. Wangoo,. Illeentii,. Sinbira halkanii,Qamalee, Jaldeessa fi kkf namatti darbuu danda’a!!
Mallattoon isaas,
Hoo’ina qaamaa ykn fuursaa,
Dadhabbii qaamaa,
Waraansa nafa irrattii fi
Gubaa lafa madaa ciniinnaa irraa!
Gosti hamaan dhibee kanaa:-
Hirriba dhabuu,
Sodaa sodaan namatti dhaga’amu,
Of wal’aaluu,
Gororuu (hancufni afaan keessaa gadi yaa’uu)
Waa liqimsuu dadhabuu fi
Bishaan sodaachuu dha!
Kan nafa laamshessus, qaama namaa dadhabsiisuun akka namni sun of wal’aalee lubbuun darbu taasisa!!
Nii yaalamaa?
Eeyyee/Lakki!! Kan inni yaalamuu danda’u, yoo dafnee ykn akka saree maraatuu ykn bineensa daggalaan akkuma ciniinamneen gara mana yaalaa deemuun yaala arganne qofa malee, erga turee sammuu seenee booda harka dhibba keessaa dhibba (100%) lubbuu namaa dabarsa!
Akkamiin ofirraa ittisna!?

  1. Talaallii dhibee kanaa dursanii fudhachuun! (Kunis gara daggalaa nama yeroo baay’ee deemuu fi nama lafa dhibeen kun itti baay’atu jiraatuuf)
  2. Horii manaa talaalchisuu!
  3. Sareen ykn horiin manaa biroon bakkee ooluurraa eeguu!
  4. Bineensa daggalaa irraa of eeggachuu fi
  5. Saree amala haaraa agarsiiftu, kan nama ciniinuuf fiigdu (kan dur amala akkanaa hin qabne amma fiddeef), kan hancufa gadi yaastuu fi eegee buustu dafanii beeksisuu fi ofirraa fageessuu ykn ajjeesisuu!

Related Posts

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *