Rat bite fever: Ciniinnaa yokaan hanqooquu hantuutaa fi akkasumas hantuuta duute harkaan tuquudhaan kan namatti dhufu dhukkuba baakteeriyaan nama qabudha.
Leptospirosis: Baakteeriyaan kan dhufuu fi nyaata fincaaniif bobbaa hantuutaan faalame nyaachuudhaan akkasumas waltutuqqaa bishaanii fi waantoota biroo hantuuta kanaan waltuqaniin kan darbudha.
Plague: Kunis dhukkuba baakteriyaan dhufuu fi tafkii hantuuta ciniintee nama ciniintuu fi kallattumaan hantuutaan illee kan darbudha.
Salmonellosis: Nyaataa fi dhugaatii bobbaa hantuuta kanaan faalameen kan darbuufi kunis baakteeriyaan kan dhufudha.
Hanta virus polmunary syndrome: Dhukkuba vaayiresiidhaan dhufu kan ta’ee fi dhukkee bakka hantuutni itti fincoofte yokaan bobbaate irraa ka’uun yokaan kallattiidhumaan hantuuta tuquudhaan kan darbudha.
Hemorragic fever with renal syndrome: Kunis vaayirasiidhumaan ka darbuufii tuttuuqqaa, ciniinnaa hantuutaa, bobbaa fi fincaan hantuutaa fi nama irraa namatti illee kan darbudha.