
Yeroo dhiirri tokko dubartii tokko waliin fedhiishee malee saal-qunnamtii rawwate dirqisiisanii gudeeduu jedhama.
Yoo dubartiin tokko dhiirri tokko fedhiisaa malee ishee waliin saal-qunnamtii akka raawwatu dirqisiifte ammoo maal jedhama?
Kun akka seera Inglaandiifi Weelsitti dirqisiisanii gudeeduu miti, garuu akka barreessaan qorannoo haaraa dhimma kanaarratti qoratte jettutti diqisiisanii gudeeduu ta’uu qaba.
Seenaan kun dubbistoota tokko tokko garaa hammeessuu danda’a
Qorattuun Mana Barumsaa Seeraa Yunvarsiitii Laakaaster Dr. Si’obhaan Wiir dirqisiisanii gudeeduu/dirqamaan fedhii malee saal-qunnamtii raawwachuu UK keessatti bara 2016-7 qorannoo gaggeessitedha.
Qorannoo kanaaf, odeeffannoon karaa toora interneetaatiin dhiirota 200 irraa walitti qabameera.
Qorannoo hayyuun kun dhiyeenya gaggeessite torban kana keessa maxxanfameera.
Gaaffiifi deebii fuulaafi fulatti dhiirota 30 ta’an waliin Caamsaa 2018 fi Adoolessa 2019 gidduutti taasifameen haala fedhii malee dirqisiifamuun saal-qunnamtii raawwachuun keessatti raawwatamus sakkata’eera qoranichi.
Kanuma waliinis miidhaawwan qaqqabaniifi deebiiwwan qaamoleen haqaa yakkawwan akkasiif deebii kennanis ilaaleera qorannoon kun.
Dhiironni qorannoo kanarratti hirmaatan hunduu maqaa isaanii beeksisuu hin barbaanne garuu tokko Joon ofiin jedheera.
Joon akka jedhutti, mallattoon jalqaba haadha warraa isaarratti arge wanti jiru akka sirrii hin taane argarsiiu yeroo isheen amala dhabuun of miidhuu jalqabdu akka ture dubbata.
Mudannoowwan adda addaa sosodaachisoo ta’an irratti arguun booda gara wallaansaatti ishee akka geese hima.
Abbaa warraafi haati warraa kun saatii fudhatanii rakkoo miidhama qoor-qalbii jiraachuu malu ilaalchisee saatii dheeraaf marii gaggeessaniiru.
Tilmaamaan turtii ji’a ja’aan booda of miidhuu dhiistee, akka fedha Jooniif ta’utti of leenjisuu yaaluu jalqabde.
Gaaf tokko garuu, “Osoon mana keessa taa’aa jiruu kushiinaa/alawaada keessaa dhuftee funyaan koo keessa akka malee na kabaltee kokkolfaa fiigde,” jedha Joon.
“Achumarraan miidhaan irra deddeebiidhaan uumamuu jalqabe.”
Hakiima Waliigalaa isheerraas gorsaafi wallaansa argachuudhaaf yaaltee, jedha Joon. Hanga tokkos gorsa argattee, beellama irratti argamuu baattus gara ogeessa xiinsamuu/qoorqalbiittis ergamte.
Yeroo bakka hojiisheetii galtu, “yeroo baayyee saal-qunnamtii raawwannu malee jetti,” jedha.
“Hanga ani yeroo isheen hojiidhaa galtuutti ishee sodaadhutti miidhaa geessisaa turte.”
Yeroo tokko Joon wayita hirribaa ka’u harki mirgaasaa sibiila miila sireetti hidhamee of arge. Achumaan meeshaa sagalee guddiftuu siree cinaa jiru fudhattee mataa keessa isa dha’uu jalqabde. Akkuma harki isaa tokko kun kaaboon hidhamee jirutti akka inni saal-qunnamtii raawwatuuf dirqisiisuu yaalte.
Sodaafi dhukkubbii keessa ta’ee, Joon fedhiishee kana guutuu hin dandeenye ture. Kanarraan kan ka’e, isa rukkutuudhaan osoo isa hin hiikiin walakkaa saatiidhaaf akkuma hidhametti tursiifte. Isaan booda ammoo maaltu akka ta’e waa’ee dubbachuu didde.
Isaan booda osoo baayyee hin turiin ni ulfooftee miidhaa geessisuun ishees ni xiqqaate. Erga daa’imni dhalatee booda garu, Joon akkuma yeroo kaanii yeroo hirribaa ka’u harki isaa kaaboon sireetti hidhamee of arga.
Isaan booda jedha namni kun, haati warraasaa kun dirqamaan qoricha Viagara jedhamu saal-qunnamtii irratti nama jabeessu nyaachistee, dirqamaan isa wagaate.
“Waanta ta’u kana kanan gochuu danda’u tokkollee hin jiru,” jedha namni kun.
“Yeroo ammamiif akka ta’e kanan hin beekneef gara kutaa keessatti qaama dhiqatanii deemeen taa’e…isaan booda ammoo darbii gara olii jirurraan gadi bu’e. Yeroo ani gara manaatti seenu jalqaba kan isheen naan jettu, ‘Hirbaataaf maal qabna?'”
Joon waanta isa mudatu kana yeroo namatti himu, namniyyu akka isa hin amanne dubbata.
“Maaliif mana dhiistee hin deemtu jedhanii na gaafatu. Egaa, manichi kan ani ijoollee kootiif bitedha. Akkasumas rakkoon maallaqaas ni jira. Maallaqaafis jecha gaa’ela kana keessatti hidhameen jira,” jedha.
“Ani yeroo hundaa nama na amanu hin qabu sababiin isaas, yoo kan gootu dhabdellee, deebistee ofirraa hin rukkuuttuu?’ jedhu. Kana yeroo baayyee nan dhaga’a. Ta’us garuu dubbachuu isaa malee gochuun isaa akka nama dhibu nan beeka.
“Osoon dhiisee yeroodhuma sana baqadhee nan hawwan ture garuu maal godhu malee.”
Katee Siilveriifi Aleeksi Iskiil ammo BBC Sounds podcast irratti waa’ee qorannoo dirqamaan gudeeduu Si’obhaan Wiir irratti haasa’an.
Dhimoonni seenaa Joon muuxannoowwan dhiirota biroo Dr. Wiir gaaffiifi deebii taasifteefiin irra deebiyee dhiyaateera.
Argannoo qorannooshee keessaa tokko namoonni yakka dirqisiisanii gudeeduu (“forced-to-penetrate” (FTP)) kana raawwatan yeroo hedduu dubartoota/haadha warraadha ykn jaalallee/haadha warraa duraaniidha. (Qorannoon ishee kan irratti xiyyeeffate dirqisiisanii gudeeduu dhiiraafi dubartoota dabalatudha).
Muuxannoon miidhaa mana keessatti qaqqabu irratti beekamu yeroo baayyee gama tokkeedha. Namoonni gaaffiifi deebiirratti mudannoo isaanii dubbatanis, yeroo rakkoo isaanirra ga’e wayita dubbatan namni akka isaan hin amanne dubbatu.
“Itti gammaduun sirra jira ykn ta’uu baate ammoo yeroodhuma sana gabaasuun sirra jira,” jechuun kan qondaalli poolisii itti hime tooko dubbata namni tokko.
Hirmaataan biraa akkas jedhe: “Waa’ee kanaa dubbachuudhaaf ni sodaanna, nama qaanessallee. Yeroo waa’ee kanaa dubbannus namni nu hin amanu sababiin isaas nuti dhiirotadha. Dhiirarra akkamiin miidhaan ga’uu danda’aa? Mee isa ilaalaa, inni dhiiradhaam.”
Argannoon Wiir biroon kanneen armaan gadii qabata:
•Dhiironni yeroo baayyee muuxannoo miidhaa dirqisiisanii gudeeduu/saal-qunnamtii ni qaaneffatu-miidhaa mana keessatti isaanirra ga’u osoo akka miidhaa saal-qunnamtii/dirqisiisanii gudeeduu maqaa hin dha’iin gabaasu
•Dhiibbaan fayyaa sammuu baayyee hamaa ta’uu ni danda’a, kunis dhibee sammuu mudannoo hamaa booda uumamu (post-traumatic stress disorder), yaadawwan diraa’uufi saal-qunnamtii irratti dadhabuu
•Dhiironni tokko tokko irra deddeebiin akka miidhaaf saaxilaman gabaasu-tokko tokko ijoollummaatti miidhaa saal-qunnamtii keessa darbuu, kanneen biroos namoota rakkoo qaqqabsiisaniin miidhaan dirqamaan saal-qunnamtii raawwachuu keessa darbaniiru
•Baayyeen isaanii ammoo poolisii, sirna haqa yakkaafi seera irratti akka malee ilaalcha gadhee qabu
Ilaalcha duraan ture qorannoon Wiir dhara taasisee tokko, dhiironni qaamaan jajjabaatoo waan ta’aniif dubartoonni dirqisiisanii gudeeduu/saal-qunnamtiif dirqisiisuu hin danda’an kan jedhudha.
Kan biraan ammoo, dhiironni carraawwan dubartoota waliin saal-qunnamtii taasisan hunda akka gaarii ta’etti/poozetiiva ta’etti fudhachuudha.
Ilaalchi sadaffaan, dhiironni qaamni saalaa isaanii yoo ka’ee dhaabbate saal-qunnamtii raawwachuu qabu kan jedhudha. Wiir akka jettutti, “qaamni saalaa ka’ee dhaabbachuun deebii hooksuudha.”
“Dhiironni yoo sodaachifaman, haaran, xiichaman, kkf qaamni saalaa isaanii akka dhaabatu ykn dhaabatee turu gochuu ni danda’u,” jetti.
“Dubartoonnis yeroo gudeedamanitti miira saal-qunnamtiif deebii akka kennan qorannoon ni agarsiisa. (Fkn. orgasm) sababiin isaas qaamni isaanii walitti dhufeenya qaamaaf deebii kenna. Kun dhiiraafi dubaraaf lamaan isaaniif dhimma ilaallatu ga’umsaan irratti dubbatamnedha garuu waan kana irratti ragaan ifa ta’e jira.”
Qorannoo Wiir bara 2017 keessatti namoonni hirmaatan baayyeen dirqamaan gudeedamuu/saal-qunnamtii raawwachuu (FTP) kan isaan mudate erga dhugaatii baayyee dhuganii boodaafi yeroo waanta ta’u dhaabuu hin dandeenyedha.
Warra qorannoo haaraa keessatti hirmaatan keessaa tokko waan isa mudate ibsa. Guyyaa tokko dubartoota tokko waliin erga mana dhugaatiifi sirbaa halkanii turee machaa’uun booda, qoricha salphaatti nama gudeeduu dandeesisudha jedheen shakku naaf kenname. Akka jedhutti namni kun isaan booda saal-qunnamtii fedhii isaa malee akka raawwatu dirqame.
Namni biraan ammoo akkamitti dirqamee fedhii isaa malee saal-qunnamtii akka raawwatuuf dirqame yeroo ibsu; yeroo barataa turetti yeroo boqonnaa Gannaa hojiirra osii jiruudha.
Dubartiin isa waliin hojjettu tokko xalayaa barataan kun hiriyyaa isaa dhiiraa tokkoof barreesse argitee, yooo ati ana waliin hin ciistu ta’e ati warra dhiiraafi dhiiraan waliin saal-qunnamtii raawwatanidha jedheen si qabsiise jechuun isa doorsisuu dubbata.
Wiir akka jettutti hirmaattonni qorannoo dhiyeenya kanaa garri caalan fedhii isaanii malee saal-qunnamtii akka raawwatan taasifamuu keessa darban akka ‘gudeedamuutti ilaalu; isaan keessaa gariin ammo akka seera Ingilaandiifi Weelsitti ammo akka dirqamaan gudeedamuutti hin ilaalamu jedhanii sodaatu.
Hawaasni Biriitishis waan akkasii kana akka dirqamaan gudeedamuutti hin ilaalan jedhanii sodaatu.
“Waa’ee jaallalleen ofii duraanii akka dhugdee machooftu si taasisuun dirqamaan si raawwachiisuun si gudeeduun dhiirummaa ilaaludha, mitiiree? Jedha hirmaataa keessa tokko.
“Yeroo gara mana dhugaatii deeman, kan ati beekuu qabdu, isheen xiqqoo machaa’uu qabdi, xiqqoos taxabachuufi mimiriixofuu dandeessi. ‘Akka! Oh kun hedduu gaariidha! Ani waan akkanaa nan jaalladha!’ Lakki, kanammaa hin gootu, ati kan hin gootu. Wanti kun akka ati yaaddu miti.”
Waraqaawwan Wiir keessa tokko keessatti, kan mata-dureen isaa “Oh, ati dhiira, akkamitti dubartiidhaan dirqamaan gudeedamta, kun waan badaahda”.
Kana keessatti akka agarsiistetti kutaawwan biyyaa US baayyee keessatti dirqamaan gudeeduun hiika bal’aan kennameeraaf; kunis saal-qunnamtii fedhii malee jechuudha.
Awustiraaliyaa kutaa biyyaa Viktooriyaa keessatti ammoo yakki addaa “sossobanii/dholodholanii gudeeduu/saal-qunnamtii raawwachuu dirqamaan gudeeduudha.”
Yaadawwan furmaataa saddet qorannoo dhiyeenya kanaan kennaman keessaa tokko seera dirqisiisanii gudeeduu akka dhimmoota fedhii malee dirqamaan saal-qunnamtii raawwachuu (Forced-to-penetration (FTP)) hammatu taasisuudhaaf “dhimmamee ilaalamuu” barbaacjisa.
Nasiir