
Yeroo Qaataar Waancaa Addunyaa keessummeessuuf qophii taasisaa jirtu kanatti carraa hojii namoota garagaraatiif uumamaa jira. Keessattuu carraa hojii qophii idil-addunyaa kanaan walqabatee uumamuuf shamarran gara sanatti imaluun isaanii waan hin oolle.
Haatatu malee, erga lammiin biyya isaanii Qaataar keessatti adabamtee lammiileen Meksikoo shamarran salphaatti miidhamuu dandaʼu jechuun balaaleffatan.
Pawuulaa Chiyetekat qophii mootummaan Qaataar Waancaa Addunyaa bara 2022 waliin walqabsiisee hojachaa jiruuf gara magaalaa gudditii biyyattii Dohaatti Guraandhala bara 2020 keessa dhufte.
Erga waggaa tokkoof walakkaa achi jiraatten booda, miidhaan saalaa irra gahuu himti.
Miidhaa isheerra gahe kana himachuuf gara aangaa’ootaa yoo deemtu ammoo himannaa isheetti garagalchuun, “gaa’elaan ala saalqunnamtii raawwachuun himatamte.”
Akkanaan dubartiin umrii waggaa 27 taate kun hidhaa waggaa 7 fi reebicha ulee 100tin adabamte.
Nama ishee gudeedetti osoo heerumtee adabbii kana jalaa ooluu akka dandeetu itti himamuu dubbatti.
“Adeemsa kanaan booda kanan hubadhe, barumsakoo, oogummaafi galii dhaabbataa ta’e osoon qabuufi mootummaa Qataar walliin hojachaa utuun jiruu sarbamni mirgoota namoomaa narratti raawwatamuuf deema.
Imbaasiikoo irraa eegumsa argachuu hin dandeenye,” jechuun Pawuulaan wanta raawwate feesbuukii isheerratti ibste .
Bara darbe Qaataar keessa bahuu kan dandeesse Shamarreen tun, hanga ammaa haqa argachuu dhabuuf namichi yakka kana irratti hojjate ammallee bilisa ta’uu himti.
Dabalataan lammiilee Meksiikoo fi gareen salphaatti miidhamuu danda’an kan akka dubartootaafi namoonni saala wal fakkaatu gidduutti saalqunnamtii raawwatan, Waancaa Addunyaa bara kana daawwachuuf achi deemaan, sirna biyyatiitin miidhamuu akka danda’an akeekkachiiste.
Jimaata darbe ministirri dhimma alaa Meksiikoo Marseeloo Ebrard isheen wal argee abukatoon cimaan akka argamuuf mirkaneesseera. Ta’us, deeggarsi hanga oduun kun torbe darbe mata-dureewwan gaazexaa Meksiikoo fi Addunyaa maraa taʼee turuunsaa ishee gaddisiisuu ibsite.
Himannaa miidhaa qaamaa

Guraandhala bara 2020, Koree Gidduu-galeesaa qaama Waancaa Addunyaa 2022 qindeessuu waliin akka Ikonoomistiitti hojjachuuf dubartiin tun Qaataaritti godaante.
Osoo Waxabajjii 6, 2021 akka tasaa addaan hin kutamin hojiin kun hawwiishee turuu himti. Akka himannaa isheetti, halkan utuu hirriba keessa jirtu namichi isheen beektu kan hawaasa Latiinoo Dohaa mana ishee humnaan seene rukutuudhaan miidhaa qaamaa irran ga’e.
Haleellaan kun miidhaa guddaa harkasheefi garaashee irratti geessisuu himti. Haleellaa kana gara poolisiitti himachuuf gaafa deemtu ammoo Afaan Arabaa siʼaayinaan dubbachuun waan ishee rakkisuufi gara Imbasii Meksiikootti gorsa yookaan abukaatoo biyya alaa argachuu dhabuuf haalii itti jijjiramu dubbatti.
Imbasichi akka himannaan koo garagalee na miidhuu akka danda’u naaf hin ibsine,” jetti dubartiin tun.
Ejja raawwachuun himatamuu”
Namichi ishee rukute mana murtiitti gaafa dhihaate falmii iddoo guddaa isaaf kennutti fayyadamee: Ishee wajiin walitti dhufeenya qabaachuu hime
“Yaadasaa deegaruuf ragaan jiraachuu baatus, balleessaa kan hin qabne ta’uu koo kan ibsu hin jiru ture. Miidhamtuu ta’us aangaa’oonni akka yakkitutti na fudhatan,” jetti
Akka ministeerri dhimma alaa Meksiikoo ibsutti, aangaa’oonni Qaataar qorannoo taasisudhaan, “dubartii miidhama himatte yakkamtuu gochudhaan ejjaan himate.”
Akkanaan gaa’elaan ala saalqunnamtii raawwachuun himatamtee adabbiin reebicha ulee 100 fi hidhaan waggaa 7 itti murta’ee.
Adeemsa kana irratti, poolisoonni qorannoo durbummaa akka fudhatu taasisuu himti, “kunis gocha salphina kan bara durii yeroon darbite deebisuudha,” jetti.”
Erga wabiin gadhiifamtee waajjirri abba alangaa qorannoof barbaachiisa jechuun bilbilashee qabachuu dubbatti. Namichisheen himatte ammoo yoo hidhame amanamummaasaa cabsa jechuun bilisa ta’e.
Himatashee kana dhaga’uuf, magaalaa Dohaatti Bitootessa 6 beellamni qabame.