Edduma jirru teenyee akkamitti Paaspoortii karaa online akkamitti haaressuun ykn haaraa baasun danda’ama? Lammiilee Itoophiyaa hundaaf

Ejansii Immigireeshi, lammummaa fi Taateewwan Murteessoo fayyadamuun gama marsariitiin paaspoortii baasuufi haaressuun akka danda’amu dhaabbatichi beeksiseera.

Marsariitii ejansicha https://www.ethiopianpassportservices.gov.et/#/ jedhuun paaspoortii haaraa, kan yeroonsaa darbe, ykn kan qabannaa gaarii irra hin jirre haaressuuf, kan bades haaraan bakka buusuuf, dabalataan odeeffannoo paaspoortii irra jiru geeddaruuf fayyadamuun ni danda’ama.

Namni tajaajila kana barbaadu baayyee tahuu waan maluuf dursitanii beellama qabachuu qabdu. Fakkeenyaaf har’aafi boritti beellama argachuu dhiisuu dandeessu.

Paaspoortii haaraa baasuuf ragaawwan barbaachisan mara qabadhaa.

Waraqaa eenyummaa gandaa haara’eefi waraqaan ragaa dhalootaa barbaachisaa dha. Waraqaawwan kunneen marsariitii irra fe’uun ijaa isin barbaachisuuf ‘scan’ gochuun isinirraa eegama.

Erga marsariiticha bantaniin booda, unka achi jiru of eeggannoon guutaa, waraqaalee ragaa ‘scan’ gootan galchaa.

Filannoowwan kaffaltiif isiniif dhiyaatan keessaa tokko filadhaa. Iyyata keessan erga galchitaniin booda ‘koodii’ bilbila ykn imeelii keessanitti ergamu fayyadamuun kaffaltii keessan raawwadhaa.

Paasportiin haaraa fuula 32 qabu birrii 600 yoo kaffalchiisu, isa abbaa fuula 64f immoo birrii 2186 kaffaluu qabdu.

Fuula dhumaa waraqaa iyyata keessanii sa’aatii fi guyyaan beellamaa itti eerame maxxansuun harkatti qabadhaa.

Gaafa beellamaa waraqaa beellamaa, waraqaale ragaa biroo footookooppii waliin qabadhaa dhiyaadhaa. Paaspoortii baasuufis tahe haaressuuf adeemsuma wal-fakkaataa hordofuutu isinirraa eegama.

Dabalataan paaspoortii keessan haaressuuf fuula paasportichaa ‘Information page’ jedhuuufi halluu calaqqisaa tahe qabu footookooppii gochuun qabadhaa. ‘Information page’ inni jedhu iddoo suuraan jiru jechuu dha.

Paasportii keessan bade yookiin sin jalaa hatame baasuufillee marsariitii kana fayyadamuu dandeessu.

Paaspoortii haaraan bakka buusuuf

Paaspoortii keessan haaraan bakka buusuu yoo feetan adeemsa wal-fakkaataa hordofuu qabdu.

Paasportiin keessan baduu ykn hatamuusaaf poolisiirraa mirkana dhiyeessuu qabdu.

Waraqaa ragaa haara’ee fi kooppii paaspoortii keessanii qabdu yoo taheef qopheeffadhaa.

Kana malees unka marsariiticha irratti dhiyaatu guutaa. Kaffaltii raawwadhaa. Guyyaa beellamaatti waraqaa ragaa keessan dhiyeeffadhaa.

Odeeffannoo geeddaruu

Odeeffannoo paasportii keessan irra galmaa’ee jiru, fakkeenyaaf maqaa,guyyaa dhalootaa, bakka dhalootaa akka geeddaramu yoo feetan, waraqaan mana murtii isin barbaachisa. Itti aansuun paasportii baasuuf adeemsa wal-fakkaataa fayyadamtu.

Tajaajilawwan kunneen hatattamaan argachuudhaaf:

Biyyaa ala baatanii wal’aansa argachuuf yoo hakiimni isinii barreesse, dhaabota eeyyama qabanirraa xalayaa deeggarsaa, waraqaa jiraataa biyya alaa, xalayaa affeerraa, imala hojii hatattamaa, carraa barnoota bilisaa ykn DV’n akka isin gahe, imala gammachuun ykn gaddaan taasifamuuf ragaa dhiyeeffachuu qabdu.

Tajaajila hatattamaa argachuuf kaffaltiin dabalataa isin barbaachisa. Yaadadhaa tajaajila armaan olii argachuuf qaamaan dhiyaachuun dirqama dha.

Related Posts

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *