
Aadaa hedduu keessatti uffati, faayii fi meeshaleen miidhaginaa hedduun eenyumma agarsiisu.
Yunivarsitii Kaaliforniiyatti Piroofesara Artii fi Seenaa kan taate Perii Kileem, dhiyeenya qorannoo gaggeessite irratti hundaa’uun mataduree “Dressing Modern Like Our Mothers: Dress, Indentity and Cultural Praxis in Oromia” jedhuun kitaaba maxxansiisteetti.
Piroofeesar Perii Kileem, bara 1998’tti sagantaa qorannoo gabaabaaf jecha yeroo jalqabaaf gara Itoophiyaatti imalte.
Turtii ishee kanaan akkaataan uffannaa shamarran Oromoo akka ishee hawwate himti.
Uffata, faaya, tumaa, callee fi wantoonni isaan ittiin of miidhagsan addatti qalbii ishee akka hawwate dubbatti.
Biyyoota hiyyeeyyi jedhaman keessaa tokko kan taate Itoophiyaa keessatti, of miidhagsuuf yeroo fi humna baasuun isaani waan ishee ajaa’ibsiiseef, yeroo sanatti akka barattuu PhD’tti xiyyeeffannoo qorannoo ishee godhachuuf murteessite.
Dubartoonni akkaataa uffannaa isaaniin, akkaataa of kuulaniin odeeffannoo akka kennaniin hubadhe jetti.

“Uffannaa dubartii Oromoo tokkoo ilaaltee, umuriishee, yoo herumteetti ta’e, ijoollee qabdi yoo ta’e, ilaalcha siyaasaa ishee, amantaa ishee fi qabeenyasheellee adda baasuu dandeessa,” jetti.
Qorannoon ishee kan xiyyeeffate yeroo jaarraa 19ffaa irraa hanga ammaatti jidduu jiru irratti ta’uu himti.
Harargee Bahaa keessa gara waggaa tokkoof turuun gaaffii fi deebii shamarran Oromoo waliin gaggeessuun qorannoo ishee eegalte.
Boodarras shamarran Oromoo Walloo fi darbeeyyuu kanneen diyaasporaa keessa jiran, irrattis qorannoo taasifteetti.
Qorannoo kanaan “akkam dubartoonni Oromiyaa ala ta’anis, eenyummaa Oromummaa isaanii qabatanii turan,” hubachuu ishee BBC’tti himte.

Faashiniin wanta yeroodhaa yerootti geeddaramu fi kan wanta yeroo tokkotti beekamaa ta’e hordofee deebi’ee badudha, kan jettu Piroofessar Periin, shamarran Oromoo biratti wanti agarte garuu faashinii yeroo tokkotti beekamu fudhatani akka aadaa isaaniin wal simsiisanidha.
Fakkeenyaafis jetti, “bara 2000’n jalqabaa keessa haalluu qeensaa fayyadamuun beekamaa yemmuu dhufe, shamarran Harargee, Afran Qalloo, haalluu kana qeensa isaanii irratti osoo hin taane fuula isaanii irratti fayyadamu eegalani,” jetti.
Kunis ammoo sababa akka seenaatti naannichatti bara durii gosi tumaa adda addaa fuula isaanii irratti ni taasifama ture, garuu erga seerri Shariyaa dhufe booda tumaa tumachuun waan dhorkameef shamarran halluu fayyadamuu akka jalqaban ibsiti.
Halluun kun ammoo isa halluu qeensaaf oomishame irraa dhufe jetti.
Kun faashinii ammayyaa irraa kan fudhatame ta’us, mallattoo akkanaa fuularra kaawwachuun garuu aadaa ture keessa kan jiru akka ta’e himti.
Dubartiin tokko akkaataa fi halluun isheen fuula ishee irratti kaafattu, kan dubartii biraan wal hin fakkaatu jetti piroofessarri kun.
Akkuma tumaa duriitti halluu kana fayyadamuun akka isaan of miidhagsan ibsiti.
Yeroo sanatti dubartooti harkii caalaan isaanii galii gadi aanaa qabaatanis, halluu kana miidhaginaaf fayyadamuuf bitachuu irraa akka isaan hin dhorkine hubatteetti.
Ta’us garuu qorannoo isheen akka argitetti halluu kanaaf gatii baasuun isaanii miidhagina barbaadu qofaaf miti. Sababi inni duraa shamarran halluu kana fayyadaman qarree hin heerumne yoo ta’an, qalbii hawwachuufidha jetti.

Inni biraan garuu halluu akkanaa – akka duriitti ammoo tumaa- of irra kaawwachuun ija hamaa irraa nu eega amantaan jedhu waan jiruuf akka ta’e himteetti.
Kanaaf halluu kana caalatti of miidhagsuuf qofa otoo hin taanee, akka amantaa isaanitti hamaa irraa of eegufis jechadha jetti.
Qorannoo isheen ga’ee fi ilaalcha dubartoota sirna gadaa, amantaa fi caasaalee adda addaa keeessatti jiru ilaaluun kitaaba kana akka barreessite Piroofesar Kileem ni himti.
Seenaa keessatti siyaasi karaa adda addaan yeroo geggeedaramaa deemetti, shamarrran uffannaa isaanii fi akkataa ittiin aadaa isaanii dabarsaniin sagalee isaanii dhageessisaa turaniiru jetti.
Maanguddoota aadda addaa waliin gaaffii fi deebii taasisteen, akkaataa itti harmooliin isaanii bara durii keessatti of miidhagsan, uffanaa fi faayaa aadaa fayyadamaaa turanis hubachuu danda’uu ishee himteetti.
Piroofesar kitaaba ishee keessatti: “musliimaa, Kiristaana, Waaqaffataa, loon horsiisaa ykn qonnaan bulaa ta’anis, Oromiyaa guututti Oromoonni Oromummaa isaanii mul’isuuf uffata isaanii ni fayyadamu,” jechuun ibsiteetti.
Aadaan miidhaginaa fi uffataa Oromoo, wanta kabaja ykn ayyana tokkoof ykn sagantaa addaa tokko qofaaf tajaajilu miti.
Umurii adda baasuuf, heerumuu ykn qarree ta’uu mul’isuuf, mallattoowaan amantaa fi sadarkaa hawaasaa adda addaa agarsiisuuf kan fayyadudha.
Sabboonummaa fi eenyummaa ofii baruu dhalootaa haaraa waliin wal qabatees Oromummaa ofii ibsuuf malli itti fayyadamamu tokko uffannaa aadaadha.
Guyya guyyaatti miccirraa kaawwachuu haa ta’u ykn sagantaalee adda addaa irratti uffata aadaa uffachuun dhaloota ammaa biratti akka Oromummaa simachuutti ilaalamuu mala.
Aadaa Oromoo keessatti uffatii, faaya fi maloota miidhaginaa adda addaa fayyadamuun bakka guddaa qabaatanis, sababoota siyaasaa fi amantaan yeroodha yerootti kanneen haqamanii fi dagataman jiru.
Dhalootni amma ammo aadaa kana deebisuuf faashinii ammayyaa waliin wal simsiisuun utuu mallattoo fi eenyummaa isaa hin balleessiin itti fayyadamamaa fi kunuunsaa jira.