Faaydaa mixaaxishaa(sweet potato) ajaa’ibsiisoo

  1. dhangaalee nyaataatiin kan badhaadheedha.
    burqaa anniisaati,pirootiinii,cooma,faaybarii,vaaytaaminoota kanneen akka A,B6,fi C akkaan of keessaa qaba.
    albuudota akka maangaaneezii,pootaashiyemii,kooperii fi kanneen biroo of keessaa qaba.
    farra keemikaalota qaama keenya miidhanii of keessaa qaba.
    2. fayyaa mar’imaan keenyaatiif baay’ee barbaachisaadha.
    3. kaanserii garaa garaa kanneen akka kaanserii afuuffee fincaanii,mar’imaan furdaa,garaachaa fi harmaa hir’isuuf ni fayyeda.
    4.dandeettii arguu ija keenyaatiif ni gargaara sababni isaas keemikaala beetaa kaarootiin jedhamu kan akka waa arginuuf nu gargaaru of keessaa qaba.
    5.ciminaa fi bilchina sammuutiif barbaachisaadha.
    6.madiinummaa ykn daandeettii qaamni keenya dhukkuba ofirraa ittisuu akka cimuuf gargaara.
    7.dhiibbaa dhiigaa fayya qabeessa akka qabaannuuf nu gargaara.
    8.kulkula(inflammation) hir’isuuf keessumaa warra asmii qabaniif.
    9.ulfaatina qaamaa garmalee akka hin godhaneef ni gargaara.
    10.warreen dhukkuba sukkaaraa gosa lammaffaa(type 2 Dm) qabaniif insuliiniin hangi dhiiga keessa jiru akka sirriitti dalaguuf ni gargaara.kana malees faaydaalee hedduu qaba. Kanaaf nyaadhaa daa’ima keessanis nyaachisaa.
    affeeltee ,waaddee(chiipsii) isaa nyaachuu dandeessa.

Related Posts

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *