
Umurii ji’a ja’aa eegalanii Daa’imman torbanitti killee(buphaa)tokkoo hanga guyyaa guyyaan tokko tokko( giddu galeessaan daa’imman torbanitti buphaa(killee) afur) argachuun barbaachisaa dha.
Faayidawwan Killeen(buphaan) daa’immaniif qabu keessaa gurguddoon;-
- keemikaala ‘choline’ jedhamu kan guddina sammuu fi dandeettii yaaduu dabaluuf gargaaru ga’aa qaba.
- Wantoota ‘lutein’ fi ‘zeaxanthin’ jedhaman kan fayyummaa ijaaf hedduu gargaaran qaba.
- pirotinii ga’aa ta’e waan qabuuf ijaarsa qaamaa keessatti ga’ee guddaa tahachuun daa’immaniif humnaaf jabina kenna.
- kan ‘omega-3’ jedhamu kan guddina sammuuf akkasumas fayyummaa onneef fayyadu qaba.
- gosa Nyaataa muraasa vayitaaminii D qaban keessaa buphaan isa tokko.
- vaayitaaminoota akka ‘vit.B 12’ fi ‘folic acid’ jedhaman kan fayyumaa sirna narvii,guddina sammuu,gosa dhiigaa seelii diimaa oomishuuf gargaaranii fi kkf fayyadan qaba.
- kan sukkaara hin qabnee ,dafee daa’imman quubsuu fi kan hangi gosa coomaa ‘cholestrol’ jedhamu isaa hedduu hin taane waan qabuuf carraa daa’imman akka furdina qaamaa hamaa hin godhannef ni fayyada jedhama.
Hub. Daa’immaniif killee(buphaa) affeelamee hin bilchaatiin kennuun gaarii miti.
Akkasumas killeen gosa nyaata amala Allarjii fiduun beekaman keessaa tokko waan ta’eef hordofuun barbaachisaadha.