
Shiroon nyaata hiyyeessaatii?
Akkas taanaan warri sooressa ofiin jettan qaama keessan hiyyoomsitaniittu!
- FAAYDAA SHIROO
- Pirootinii hamaa ‘gluten’ jedhamu irraa bilisa waan ta’eef namoota dhukkuba ‘celiac disease’ jedhamu qabaniif filatamaadha.
- Sukkaarri ykn gilukosiin shiroo irraa argamu suuta dhiigatti waan makamuuf( low glycemic index) namoota dhukkuba sukkaaraa qabaniif filatamaadha.
- Gogiinsa garaas ni ittisa.
- Carraa kaanserii mar’mmaan furdaan qabamuu ni hir’isa( colorectal cancer)
- Kanaaf shiroo haa soorannu!
QABIYYEE SHIROO
Shiroo giraama 100( kan buddeen tokko waliin nyaannu) keessaa qabiyyee armaan gadii arganna.
1.Anniisaa=340kcal(1,420KJ)
2.Kaarbohaydretii=60g
3.Pirotinii=25g
4.’Fiber’=16g
4.Vitaaminoota kan akka:
A.vitaaminii B1,B5,B6,B9
B.vitaaminii A
C.vitaaminii C
D.vitaaminii K
5.Elementoota akka ayiranii,kaalsiyemiifi potaasiyemii