FAAYIDAA Shuummoo/Shiimoo/Mulluu nyaachuun qabu


Shuummoo/Mulluun qabiyyee wantoota hin bulloofnee”fibers”, kaarboohydrate fi prootiniin kan badhaadhedha.kun immoo annisaa qaama keenyaa suuta suuta gadhiisuun qaamni akka fayyadamu taasisuun ispoortii fi hojii yeroo dheeraaf akka hojjachuu dandeenyu taasisa.

Qabiyyeen isaa prootiniin karaa biraatiin humna ittisaa qaama keenya”immune system” akka dabalu gochuun infeekshinoota gara garaa nurraa qolata.

prootina waan qabuuf Maashaaleen “muscles” akka sirritti guddatuu fi warreen dullooman immoo kan biraatiin akka bakka bu’an taasisa.

Qabiyyeeleen biraa kan marqaa keessatti argaman:

  • Viitaaminootaa
  • Mineraalota:ziinkii,ayranii,vit B12,andE

Wantoota hin bulloofne”fibers” of keessaa qabaachuun isaa immoo Mar’imaan keenya fayyaa akka tahu taasisa. Kanaaf gogiinsa garaa ni dhabamsiisa.

Qorannooleen akka ibsanitti mulluu/shiimoon dabalataan:

  • Dhiibbaa dhiigaa,
  • Dhibee sukkaaraatii fi
  • Cooma qaama keenyaa ittisuuf ni gargaara jedhu

wantoota shuumoon/mulluun irraa hojjatamu

  • Boqqolloo,
  • atara/baaqelaa,
  • qamadii fi
  • ashongoree/adongoree/boloqqee/abbaa coomaa fa’i

Nama dhuuffisuun isaa sun waan gaariidha

Related Posts

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *