FAAYIDALEE BUNA DHUGUUN QABU

  1. Akka waa dalagnuuf nu si’eessa. Dhugnee sa’aa tokkoon booda 11-12% si’aa’ina waa hojjaachuu namaaf ni dabala.
  2. Waa akka xiinxalluu fi hubannuuf nu gargaara.
  3. Elemantoota mg fi k ofii keessaa qaba ,kunis insuulini qaamaa gulukoosii akka fayyadamuuf ni gargaara . Kunis ulfaatina hir’isuu fi carraa dhukkuba sukkaaraa gosa 2ffaa ni hir’isa jedha qorannoon .
  4. Antioxidanta waan qabuuf qaamaa keenyaarraa dhukkuboota garagara ittisuuf gaariidha.
  5. Kaaffeeniin buna keessatti argamuu sammuu keenya keessatti nuurootraansmiitarii dhaamsa ittisu adeenoosinii yoo ittisu kanneen biroo akka seerootoniin , nooraadernaaliin fi dopaamini akka maddan waan dabaluuf si’aa’ina sammuu dabaluun alatti dhukkuboota akka parkison ,alzheimer fi dementia ni hir’isa.
  6. Fayyummaa tiruu keenyaaf ni gargaara . Sooraanni keessayyuu faattii akka bulaa’uuf ni gargaara.
  7. Guyyatti sinii bunaa 2-4 yoo baayyatee.
  8. Dubartoonni ulfaa akka dhugan hin gorfamuu yoo xiqqeessanii sinii takka guyyatti dhugan malee . – namoonni hir’ina dhiigaa qaban kiniina fudhataa jiran buna dhuguu hin qaban dalagaan kiniina dhiiga sana waan gad buusuuf .

Related Posts

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *