
Sochiin qaamaa idileen daqiiqaa 45f turu torbanitti si’a 3- 5 yoo hojjetame rakkoo fayyaa sammuu akka foyyessu, sanaa ol garuu bu’aasaarra miidha qabaachuu akka malu qorannoon Ameerikaa tokko ibseera.
Waliigalatti namoonni miiliyoona 1.2 ta’an hanga shaakallii qaamaa ji’atti hojjetaniifi fayyummaa sammuu isaaniifi qabxii kennaniiru.
Bu’aan qorannoo kanaas, namootni shaakkallii qaamaa hojjetan warra shaakallii hin hojjenne waliin yoo walbira qabamu harka 1.5’n ”guyyaa fokkisaa” dabarsan xiqqeeffatu.
Shaakalliiwwan ispoortii akka tapha garee, saayikilii ofuufi eerobiksiin fayyummaa sammuu eeguu irratti shaakalliiwwan gahee guddaa qabaniidha.
Shaakalliin qaamaa, umurii fi saalaan osoo hin daangeffamiin hojii mana keessaa hojjechuurraa hanga daa’ima kunuunsuutti fayyummaa sammuu tiksuuf garagaaru.
Shaakallliin qaamaa carraa dhibee onnee, Istrookii fi dhibee sukkaaraan qabamuu akka hir’isuus qorannooleen biroon ifa godhaniiru.
Namoonni qorannoo kana irratti hirmaatan ji’atti gidduugalaan guyyaa 3.4 fayyaan sammuu isaanii dadhabaa ta’a. Warreen shaakallii qaamaa hojjetaniif garuu kun gara 2 gadi bu’a.
Namoota duraan dhibee Gom’uu ykn depression waldhaanamaaniif shaakalliin qaamaa gahee guddaa akka qabu bu’aan qorannoo kanaa ibseera.
