
Istivan Galagaar wayita harkisaa lamaan akka geeddaramuuf itti himamu ni kolfe ture. Taatullee wal’aansi baqaqsanii yaaluu harka isaa lamaanitti akka gargaramuu fi dhukkubbiirraa bilisa akka ta’u fi jiruu isaa haaraatti akka gammadu taasiseera.
Istiivan nama ganna 48 yoo ta’u, ganna 13’n kana maddiifi funyaan isaatu hooksisuun eegale.
Harki isaa inni mirga ni dhukkuba ture. Doktoroonni jalqaba dhibee madinummaan qaamaa garmalee of miidhuun walqabatu luppas jedhamuun qabame jedhanii yaadu ture.
Booda abbaa ijoollee sadii kanaaf wal’aansa baqaqsanii yaaluu taasifamef. Taatullee dhukkubbiin harka isaa lamaanitti deebi’u isaatiin gara ogeessa ispeeshalisitti tokkotti ergamee booda dhibee Iskilroderma qabaachuun mirkanaa’e.
Dhibeen kun madiinummaan qaamaa akka of miidhuun kan taasisu yoo ta’u, gogaa qaamaafi qaamota keessoo madeessa.
Rakkoon fayyaa kun naannoo funyaanii, afaanii fi harkaa miidha. Waggaa torban kana ammoo dacha’uun amma waan abboottifateetti fakkaatutti dacha’e. Galagaar ”garmalee” dhukkubsate.
”Harkii koo walitti dacha’e, harki lachuu sadarkaa dacha’urra /kottaa’urra gahe, harkikoo lachuu tasgabbii hin qabu,” jedhe yaadate yeroo dubbatu. Harka lamaan waa olkaasuurra kan darbe homaa gochuu hin danda’u ture,” jedhe.
”Homaa fuudhuu nan dadhabe, uffatallee uffachuu fi waanta kanan walfakkaatu dalaguun rakkisaa ture,” jedhe. Istivan Dirghoorn, Ayishiriitti qorqoorroo rukutuun jiraataa ture ni dhaabe.
Sana booda pirofeesar Andiriiw Haart jedhaman, Gilaasgootti ogeessa baqaqsanii yaaluu harkaa biraatti akka ilaalamuuf ergame. Yeroo sanatti ture akka harki isaa lamaan geeddaramu maluu kan yaadni dhiyaate.
”Yeroo sanatti nan kolfe, waanta ammayyaawaa ta’edha jedheen yaade” jedhe.

Pirofeesar Haart waliin erga marii dabalataa gaggeessee booda Istiivan Pirofeesar Siman Keey waliinis haasa’eera. Pirofeesar Siman Keey ogeessaa baqaqsanii wal’aanuu hospitaala ogummaa fayyaa barsiisu fi UK tti argamu Liid jedhamutti wal’aansa harka lamaan geeddaruu dursan.
Ogeeyyiin kun waan hamtu mudachuu malu lafa kaa’anii turani jedhe.
Haadha warraa isaa waliin erga mariyatee booda wal’aansa kanatti walii galuu dubbate Istiivan. Istiivan abbaa ijoollee sadii yoo ta’u, umriin isaanii ganna 12, 24 fi 27 yoo ta’an, abbaa isaanii wal’aansa kanaaf xiinsammuu isaa qopheessaa turan.
‘Harki kun waan ajaa’ibaati’
Istiivaan nama jalqaba addunyaarratti rakkoo fayyaa isa mudate kanaaf wal’aansa baqaqsanii yaaluu argate jedhamee yaadama. Gartuu ogeeyyii ogummaa garaa garaa qaban 30 ta’anitu sa’aatiiwwaan 12’f Mudde bara 2021 erga namni harka gumaachuuf argamee booda hirmaate.
”Wal’aansa baqaqsanii yaaluu sana booda nan dammaqe, waan hin eegamne ture,” jedhe Istiivan. Harki sun lamaan waan ajaa’ibaati, waantu hundi dafee raawwatame, akkuman wal’aansa baqaqsanii yaaluurraa dammaqeen sochoosuu danda’e,” jedhe.
Torban afuriif wal’aansicha Liiditti erga hordofee booda Istiivan hospitaala Gilaaskootti argamutti hordoffi kan argataa jiruu yoo ta’u, hospitaalichatti fiziyoo teeyiraappii itti fufiinsaan argataa jira.

Istiivan wal’aaansi kun jireenya haaraa akkan jiraadhu na gargaare jedhe. Ammas waanti natti jabaatu jira, garuu torban torbaniin shaakala sochii qaamatiin haalli jiru foyyaa’aa jira jedhan. Haalli duraan ture adeemsa keessa fooyyaa’aa jiraachuu dubbate.
”Dhukkubbiin harkaa waan guddaadha. Wal’aansa baqaqsanii yaaluu dura baayye hamaa ture, amma garuu waanti na dhukkubu homtuu hin jiru,”jedhe.
Pirofesar Keey walaansichi tattaafii gareen taasifameen milkaa’uu kaasuun”harka geeddaruun wal’aansa kaleefi qaama biroo geeddaruurraa adda,” jedhan. Itti dabaluun ”harki keenya guyyaa guyyaan kan arginuufi waan baayyeef itti gargaaramnu,” jedhan.