
Naannoo Oromiyaa godina Qeellama Wallaggaa magaalaa Dambi-Doolloo kan jiraatan Obbo Tasfaa Tolasaafi Aadde Baanchaayyoo gaa’ela dhaabbatanii waliin waggoota 18 jiraataniiru. Waggoota 18 gaa’elatti waliin jiraatanis garuu dhala argachuu hin dandeenye ture.
Hawwii dhala argachuu waggoota 18 booda ji’a sadiin dura dhala jalqabaa argataniiru.
Abbaan warraafi haati warraa kun dhala argachuu kan danda’an sababa wallaansa fayyaa dhiyeenya isaaniif taasifameen akka ta’e Aadde Baanchaayyoon ni dubbatu. Ogeessonni fayyaas rakkoon ture ujummoon cufachuu akka ture.
Ogummaa wallaansa gandameessaatiin muuxannoo waggoota dheeraa kan qaban Doktar Ilfinash Dirribsaa, “gadameessarra xannachi yoo jiraate hanqaaquun dubartiifi sanyiin dhiiraa akka wal hin argineef ujummoo cufa. Rakkoon kun sababa kanaan kan dhufe ta’uu danda’a,” jedhu.
Kun uumamaan haalli itti uumamuu danda’u xiqqaa ta’ee sababiin ijoon garuu dhukkuboota karaa saal-qunnamtii darban yerootti wallaansi hin taasifamiiniif ujummoo cufuu akka danda’u ibsu.
Sababa kanaan sanyiin dhiiraafi hanqaaquun dubartii sirrii ta’anii jiraatanillee sababa wal qaqqabuu dhabuu isaaniitiin ulfaa’uu dhabuun jira.
Osoo gaa’ela hin ijaarratiin yeroo dheeraatiif turuun, erga gaa’ela ijaarratanii ammoo osoo dhala hin godhatiin turuun, dhiibbaa maatiifi hawaasaa waan qabuuf gaa’ela baayyeetiif qormaatadha. Keessattuu sababa ulfaa’uu ykn dahuu dhabuutiin dubartoonni yaaddoo hamtuu keessa galu.
“Hawaasni akkuma gaa’ela dhaabbatteen dhala eega. Wanta isaan eegan kennuufii yoo dhiistee jette beekaa waan goote itti fakkaatee maaliif jedhanii nama gaafatu. Kun ammoo qofummaafi miirri qoolllifamuu akka sitti dhaga’amu taasisa,” jedha Obbo Tasfaan.
Aadde Baanchaayyoon gama isaaniitiin namoonni tokko tokko yaada qajeelummaa qaburraa ka’uun gaddaa, kan kee yoomidha jedhu. Kun ammoo hamilee nama tuqa. Osoo dhala barbaadnuu waan dhabneef dhiibbaan isaa cimaadha jechuun ibsu.
“Dhala osoo dhaluu dandeenyuu ta’e jennee kan dhiifne itti fakkaate namoonni hedduun jiru.”

“Yeroo hojiitti fiigdu namoonni tokko tokko maaliif hojjetta siin jedhu. Dhala silaa hin qabduu eenyuun dhaalchisuudhaaf hojjetta jedhu. Kanaaf, jecha namaa obsinee kan keessa darbuu dandeenye gargaarsa Waaqaatiin malee rakkisaa ture.”
“Yaaddoon maseenummaan (infertility] qaqqabsiisuu danda’a. Dubartiin osoo hin ulfaa’iin ji’a ja’aaf yoo turte ‘ nan ulfaa’aa garuu’ jechuun ni yaaddofti. Keessumaa dhiibbaan karaa maatii abbaa warraa isheetiin dhufu yeroo jiraatutti yaaddoon isaa ni ulfaata. Dhiirri ammoo qoratamuullee waan hin barbaanneef rakkoon kan keeti isheen jedha. Biyya keenya keessatti ammoo dhimma kanarratti hubannoon gahaan waan hin jirreef dhiibbaan isaa dubartoota irratti akka jabaatu godha,” jedhu Dr. Ilfinash yeroo ibsan.
Kana waan ta’eefis abbaan warraafi haati warraa osoo dhala hin argatiin yeroo dheeraatiif yeroo turanitti, yeroo hedduu itti gaafatamumma dubartii godhee waan fudhatuuf dhalli dhibuu isaatiif ishuma abaara.
Rakkoon jiru wallaansa fayyaatiin hanga hin mirkanoofnetti saala lachanuu farrajuun akka hin danda’amne dubbatu Dr. Ilfinash Dirribsaa.
Maseenummaan dubartoota qofaa irratti osoo hin taane dhiirota irras akka jiru hubachiisuun barbaachisadha jedhu ogeettiin fayyaa kun.
Sanyii dhiiraa (sperm) horachuu dhabuun, rakkoo sanyiidhaan daddarbu tokkodha.
Kana biraan ammo namootni dhibee sisitik faaybiroosis jedhamu qaban, akkasumas dhiitoon miilla irratti ba’u vaarkoos veeyin jedhamu yemmuu cidhaan irratti ba’u maseenummaa ni fida.
Dabalataanis uffata jirbii uffachuu baayyisuu, uffata keessaa garmalee nama qabu uuffachuu, sawuunaa yeroo hedduu fayyadamuun dhiiraaf waan rakkoo fiduu malanidha jechuun, sababa garagaraan namni cidhaan isaa miidhame, daa’ima dhalchuu irratti rakkoon akka isa quunnamu danda’u ibsaniru.
“Uffata jirbii irraa hojjetame uffachuun akka bu’aa qabu ni odeeffama. Paantii (mutaantaa) isaan qabu uffachuu dhirootni jaallatanis jiru. Kanneen kun cidhaan akka ho’u kan godhanidha, ho’uu garuu hin qabu. Cidhaan isaani bishaan ho’aan kan dhiqatan yoo ta’anis sanyii dhiiraa isaanii waan hir’isuuf rakkisaadha,” jedhu.
Darbee darbee gaa’ela keessatti rakkoon daa’ima godhachuu dhabuu yemmuu uumamu, yeroo hedduu dhiirootni “ana bira rakkoon hin jiru” jedhu. Uumamaan lakkoofsa sanyii dhiiraa muraasa yoo qabaatan garuu daa’ima dhalchuu irratti rakkoo nii uuma.
“Ispeermiin tokko hanqaaquu tokko fertilaayiz godha. Dhangala’aa tokko keessa ammoo sanyii dhiiraa miiliyoonaan lakkaa’amantu jiru. Ta’us dhangal’aa keessa lakkoofsi sanyii dhiiraa jirani yoo muraasa ta’e, warra hafan hanqaaquu bira ga’anii cabsanii seenuu waan hin dandeenyeef, ulfi uumamuu hin danda’u,” jechuun ibsaniiru.
Lakkoofsi isparmii yoo xiqqaa ta’e, namichi ji’oota sadiif qoricha akka fudhatu taasisuun, akkataa nyaataa isaa geeddaruun, paantii isa qabu uffachuu hir’isuun jijjirama fiduu akka danda’u ogeettiin kun ibsaniiru.
Umamaan namootni sanyii dhiiraa hin qabne akka jiran kan himan Dr Iteenesh, waan wal qunnamtii saalaa seeraan gaggeessaniif ykn waan dhangala’aan ba’eef qofa maseena miti jechuun akka hin danda’amne himu. Dhangal’aan yeroo wal qunnamtii saalaatti ba’u, kan sanyii dhiiraa baatudha malee ofii isaa sanyii dhiiraa waan hin taaneef sanyii dhiiraa uumuu hin danda’u.
Gama biraan garmalee qorichoota fudhachuun, yeroo saal qunnamtiitti dhangala’aan gara keessatti namootni itti dhangala’uu fi kaansarii sanyii dhiiraa kan qaban yoo ta’an dhala dhalchuu irrratti rakkoon isaan ni mudata.
Sababoota dubartiin da’uu akka hin dandeenye taasisan maal?
Dubartiin tokko da’uu danda’uu ishee irratti laguun waan ijoodha.
Laguun marsaa guyyoota 28 eegee kan itti hin dhufne yoo ta’e, ji’a sadiitti al tokko ykn torban lama lamaan kan dhufu yoo ta’e, hanqaaquu oomishuu hin dandeessu. Sababa kanarraa kan ka’e carraan ulfaa’uushee xiqqaa ta’a.
Shamarran umurii ulfaa’uu ga’an irra rakkoon ga’u kun “poliisistik ovaarii sindiroom’ [PCOS] jedhame waamama.
Hormooniin bayyachuu isaa kan maddu ta’ee PCOS shamarran qaban darbee darbee ykn yeroo dheeraa booda laguu kan argan yoo ta’u, kanaan achi ammoo hormonii dhiiraa [andiroojiin] jedhamu akka qabaatan taasisa.
Sababa kanaan kuusaa hanqaaquu keessatti dhangal’aan xixiqqoo akka uumaman gochuun hanqaaquun kun sanyii dhiiraa waliin yoo wal argu miciree hin uumu.
“Isheen kun ji’a shan ykn ja’a turtee deessi waanti jedhamu jira. Kun kan uumamu rakkoo fayyaa ta’uu baatus, haallisaa garuu hanqaaquun akka miciree ta’uu hin dandenye taasisa. Dabalataanis shamarran tokko tokko umurii xiqqootti guddoo fakkaatani mul’atu.
”Akka dhiiraas areeda ni qabaatu, qaamni isaaniis rifeensaan guuta. Isheen rifeensaan guutuudha jedhame akka waan bu’aa qabuutti odeeffama, garuu kun rakkoodha. Akka hanqaaquun oomishamaa hin jirre agarsiisa,” jechuun Dr Iteenash ni ibsu.
Kun wal’aansa fayyaa kennuu hanqaaquun akka oomishamu akka taasisamu ibsuun, dubartoonni marsaan laguu isaani akka sirraa’uuf hormooniin kennamaafii [rakkisaa ta’us] salphaatti ulfaa’uu akka danda’an himu.
Kan biraan ammoo dhibamtoonni kalee, kan gadameesssaa alatti ulfaa’anii beekan, kan dhibee sukkaaraa qaba, nyaata seeraan soorachuu dhabuu ykn garmalee nyaachuun, alkoolii dhuguun, tamboo xuuxuu fi qorichoota sammuu hadoochan biroo fayyadamuun, daa’ima godhachuu dhabuuf sababoota akka ta’an oggeessoti fayyaa ni himu.
‘Sababni biraan dhimma umuriidha‘
Umuriin, korniyaa lamaaniifu daa’ima fayyaa qabeessa ta’e akka horatan goochuu irratti ga’ee guddaa akka qabu ni ibsama. Dubartiif ammoo hanqaaquun kan oomishamu umurii ishee irratti hundaa’uunidha.
Shammaran umurii ganna 20 keessa yeroo ta’an carraan da’uu isaanii guddaadha kan jedhan Dr Ilfinesh, umurii ganna 35 booda carraan oomisha hanqaaquu dhabuu dabalaa akka deemu himaniiru.
“Dubartiin tokko yeroo hedduu umurii ganna 30 ol yoo taate, carraa da’uushee hir’isaa deema, ganna 43 yemmuu geessu ammoo carraan kun ni dhuma. Fakkeenyaaf kan ganna 43’tti ulfuufte 44’tti ni deessi. Sana booda hanga umurii ganna 55’tti laguu qabaachuu dandeessi garuu ulfaa’uu hin dandeessu. Kanaaf umuriin murteessaadha.”
Maseenummaan maalidha?
Maseenummaan harka sadii keessa tokko karaa dubartiin, harka tokko karaa dhiraan, harki tokko ammoo karaa lamaaniinu kan dhufu akka ta’e ogeettiin wal’aansa gadameessaa fi ulfaa kun ni himu.
Sababni kun ta’uuf hedduu ta’us, umuriin sababa isa dursaadha.
Umurii hammam dhokfameyyuu hanqaaquun umurii irratti hundaa’uun waan dulloomuuf dhibbaa akka uumu oggeettiin kun ni himu.
“Umurii ganna 40 booda, dubartoota sagal keessaa saddeeti maloota adda addaa fayyadamuun ulfaa’uu danda’u. Kun garuu rakkoon isaa maali kan jedhamu yoo barame qofa ta’a. Addunyaa irratti ammoo dubartoota 10 keessa tokko maseenadha,” jechuun Dr Ilfinesha ibsaniiru.
Jaalalleewwan waggaa tokkoof ykn isaa oliif maloota ittisaa tokko malee wal qunnamtii saalaa gaggeessaa turanii yoo ulfaa’uu hin dandeenye qofa gara mana yaalaa deemani hordoffii taasisuu akka qaban ni gorsu.
Obbo Tasfaa fi Adde Baanchiyyeew waggaa 18 booda wal’aansa fayyaa argatanii daa’ima godhataniif maqaa “Kakuu” jedhu moggaasaniiru.