Fayyadamtoonni guyyuu Facebook waggaa 18 keessatti yeroo jalqabaaf hir’ise

Miidiyaan hawaasaa guddichi Facebook fayyadamtooti guyyuu waggaa 18 keessatti yeroo jalqabaaf hir’isuu beeksise.

Dhaabbanni haadhoo Facebook, Meetaa Netwoork fayyadamtoonni guyyuu miidiyaa hawaasaa kanaa, ji’a sadan darban, dhuma baatii Muddeetti biiliyoona 1.930 irraa gara biiliyoona 1.929tti gad-siqeera jedhe.

Dhaabbatichi TikTok fi YouTube isaan dorgomaa waan jiraniif galiinsaa akka suuta guddatuu fi warri beeksisa himsiifatan illee baasii isaanii akka hir’ise akeekeera.

Gurgurataa aksiyoonaa Niiw Yoorkitti taasifameen sa’aatii muraasa booda qoodni Meetaa %20 hir’iseera. Qoodni dhaabbata kanaa hir’isuun gatii dhaabbatichi gabaa irratti qabu doolaara biiliyoona 200 hir’iseera.

Qoodni gabaa miidiyaalee hawaasaa biroo kanneen akka Twitter, Snap,Pinterest illee akkasuma hir’iseera.

Hogganaan Facebook Maark Zuukarbarg, guddinni gurgurtaa dhaabbatasaa hir’isuun dargaggoonni miidiyaalee hawaasaa biroo fayyadamuu waan jalqabaniifi jedheera.

Google itti aanuun wal-tajjii beeksisa dijitaalaa guddaa kan tahe Meetaan jijjiirama Apple imaammata icciitii irratti taasises akka isa miidhe himeera..

Jijjiiramni taasifame beeksisa warreen himsiifatan Facebook fi Instagram irratti ergaa maamiloota isaanii biraan gahuu rakkisaa taasiseera. Kunis dhiibbaa qarshii doolaara biiliyoona 10 ni qabaataa jedhe hogganaan faayinaansii dhaabbatichaa Deev Weehnar.

Galiin waliigalaa Meetaa, kan beeksisarraa argamu gara biiliyoona 33.67 ol guddateera, kunis isa yaadameen ol jedhameera.

Baatii sadan dhufanittis galii doolaara biiliyoona 27 hanga 29 akka argatu tilmaameera, kunis kan xiinxaltoonni jedhaniin gadi dha.

Dhaabbatichi akkauma TikTok viidiyoo fayyadamuu hojiirra oolchuuf maallaqa dhangalaasaa jiraatus galii gadii aanaa irraa argachaa jira.

Maark Zuukarbarg, viidiyoofi ‘virtual reality’ irratti yeroo maallaqa baasnu akkuma beeksisa mobaayiliifi ‘story instagram’ kan galii argamsiisu natti fakkaatee ture jedhe

Garuu yeroo jijjiiramni tarsiimoo taasifamu dirqama morkattootaan dorgomuu tahuun hin qabu ture jedhe.

‘’Gareen keenyi akka gaaritti hojjechaa jiru, tajaajilli keenyi saffisaan guddachaa jiras,’’ jedhe.

Rakkoon guddaan as jiru garuu TikTok morkataa guddaafi akka malee saffisaan guddachuu itti fufuu isaati jedhe.

Related Posts

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *