Skip to content
Post Views: 207
- Waantoota dhukkuba garaachaa fidan akka: alkoolii baay’isuu, tamboo xuuxuu, qorichoota ajaja ogeessa fayyaa malee kennaman fayyadamuu fi of dhiphisuu irraa fagaachuu.
- Nyaata dhukkuba garaachaa nutti cimsan irraa fagaachuu: nyaata kana baay’inaan abbuma dhukkubsatu sanatu beeka, yoo kan nyaatnaan nutti cimsu beekne nyaata sanarra fagaachuu qabna. Walumaa galatti garuu mi’eessitoonni akka barbaree, buna, nyaatotaaf dhugaatii erga hojjetamanii turanii afaaniitti hadhaa’an (fkn farsoo ba’ee ture) namatti kaachisu.
- Nyaata dhukkuba garaachaa irraa fayyuuf nu gargaaran nyaachuu: isaan keessa dammi isa hangafa fi fayyuu garaacha madaa’eef kan gargaarudha. Qullubbiin adiin baakteriyaa H. pylori sanaaf akka haalli hin mijanne taasisa, kuduraa fi muduraaleen ammoo vitaaminii hedduu waan of keessaa qabaniif yoo nyaannegaraachi keenya dafee akka fayyu taasisa.
- Gara mana yaalaa deemuun yoo baakteriyaan H. pylori jiraate qoricha isaa fudhachuu qabna.
Related