Fedhii wal-qunnamtii saalaa guyyaatti yeroo 50 fi isaa oli

Amanda jedhamti. Uumamaan guyyaatti yeroo 50 oli fedhiin saal-qunnamtii ishee garmalee dabaluun dhiibbaa guddaa irraan gaha. Yeroo sana hunda wal-qunnamtii saalaa gochuu feeti. Mee waa’ee rakkoo kana namoonni biyya keenyaa qabaniif na gaafatanis waan jiraniif waa xiqqoon isiniif barreessa.

Rakkoon kun persistent genital sexual arousal disorder jedhama. Uumamaan rakkoon kun namoota muraasarratti kan mul’atu yoo tahu saala lamaan kan hubu tahus hedduminaan shamarran irratti argama. Kunis utuu dhiirri isaan itti hin buhin, waan fedhii saal-qunnamtiif isaan kakaasu osoo hin argin ykn yeroo wal-qunnamtii saalaan ala fedhiin isaanii dabaluun fiixeen qaama saalaa isaanii dhiita’uun, hidhiin ykn harmi isaanii miira addaa fedhii saal-qunnamtii keessa galuun ofto’achuu yoo dadhabanidha.

Dabalataan mallattoowwan akka hafuura itti ciccituu, onneen garmalee dha’achuu, fuulli itti diimachuu, kottoonfachuu maashaawwan qaamaafi dhukkubbii qaama saalaafas dabalachuu ni mala. Namoonni tokko tokko guyyaa guyyaan fedhii ofirraa baasuu filatanis kun furmaata tahuu hin malu. Kanaaf namoonni rakkoo akkasii qabdan yaaliin xiinsammuu fi kan biraas waan jiruuf mana yaalaa deemuun ilaalamaa.

Related Posts

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *