
GAAFFII : Namoonni baayyeen finniisni fi wal-qunnamtiin saalaa hariiroo kallattii akka qabu dubbatu dhugaadha moo soba?
DEEBII : EYYEE, Wal-qunnamtii saalaa fi finniisni hanga tokko hariiroo qabaachuun isaa mirkanaa’eera.
Kunis wal-qunnamtii saalaa sababa hormoonii wal hormaataa qaama keenyaa akka testestiroonii , istroojiinii fi kkf madaallii isaa eeguu keessatti gahee qaba, akkasumas hamma dhiigaa fuula namatti yaa’u dabaluun gogaan fuulaa akka bareeduu fi carraa finniisa irraa bilisa tahuu isaa ni dabala!
Kana jechuun garuu namni finniisa qabu hundi akkas jechuu miti.
SABABOOTA FINNIISA( ACNE) FIDUU DANDA’AN:
1.Dhiphina ( stress)
- Samunaa ykn dibata gogaa keenyaaf hin taane fayyadamuu
- Karaa hidda( sanyii) maatii keessaa yoo jiraate
4.Infeekshinii gogaa fuulaa
5.Jeequmsa hormoonota qaama keenyaa!
6.Qorichoota mana yaalaa tokko tokko
- Gosa nyaataa sukkaara bayyaatu( Kaarboohayidireetii)
- Durbummaa ( kan dhiiras dubaras) fi qunnamtii saalaa irraa bilisa tahuu? (sababa baayyee cimaa miti!)….Kanaaf finniisni cimina fi qulqullummaa agarsiisuu danda’a?