Foolii qaama saalaa dubartootaa maaltu fida?

Qaamni saalaa dubartii uumamaan marsaa laguu ishee irratti hundaa’ee foolii xiqqoo, kan yoo itti yaaddee fuunfatte malee nama biraatti hin dhagayamne qaba. Foolin kunis kan uumamu sababa uummamaan baacteeriyaan qaama saalaa keessatti argamu wantoota xuraawoo gara alaa hanga bahanitti caccabsuun uumama. Akkasumas dhiigni yeroo laguu bahu ofumaaf xiqqoo foolii qabaachuu mala. Kunimmoo to’annoo paadii ykn moodesii ala bahee hin hajaawu.

Haata’u malee yeroo tokko tokko foolin maddi isaa buqushaa ta’e dubartii irraa hajaawuu mala. Kunimmoo rakkoo hariiroo hiriyootaa ykn abbaa warraa fi haadha warraa miidhuu irra darbee diiguu danda’a.

Mee har’a sababoota rakkoo kanaa fi furmaata isaa irratti haasofna.

Rakkoo qulqullina eeggachuu dhabuu.
Namni kamiyyuu qulqullina qaama isaa hin eeggatu taanan, iddoowwan tokko tokko kanneen akka bobaa jala, naannoo qaama saalaa ykn hudduutti xannachoonni dafqaa argaman gosa addaa waan ta’aniif, dhangala’aa pirootinaan badhaadhe maddisiisu. Dhangala’aan kun ofima isaatiiyyuu foolii xiqqoo kan qabu yoo ta’u, sababa baacteeriyaatin ammoo caalatti foolii badaa fida. Sababa kanaaf buqushaan ykn naannoon sun hajaawuu ni danda’a. Kanaafuu qaama guutuu dabalatee buqushaa yeroo yerootti qulqulleessun barbaachisaadha. Wayyaa jalaa qulqulleessuu fi yeroo yerootti jijjiirachuun murteessaadha.

Dhukkuba sababa baakteeriyaa ykn fangasiin dhufan ta’uu danda’a. Yoo sababa hir’ina qulqullinaa miti ta’e, fi foolin addaa yeroo keessa kan dhufe ta’e hatattamaan gara mana yaalaa deemtee qoricha haalan fudhachuu qabdi. Sababni isaas rakkoon kuni hanga dhala dhabsiisuu ykn kan haala salphaan hin fayyine dhukkuba yeroo dheeraa fiduu danda’a waan ta’eef.

Akka sababaatti kan ka’u kan biroon ammoo, dubartoonni yeroo laguu irra jiran akka xurii ofitti qabatuuf qaama saalaa isaanii keessa kan galfatan(tampoon) citee carraan keessatti hafuu jiraachuu danda’a. Kunillee xurii hin barbaachisne yeroo dheeraf tursiisudhaan foolii hajaawu uumuu danda’a jechuudha.

Kanaaf walumaa galatti, dubartiin takka fayyaa qaama saalaa ishee hundaa ol eeggachuu qabdi. Rakkoon achii ka’u fayyaashee fi jaalalleeshee akka dhabduu fi dhala malee akka haftu ishee taasisuu danda’a.

Related Posts

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *