
Namoota tokko tokko irratti dafqi qaamaa, kessattuu kan bobaa Jalaa, ni baay’ata. Dafqi baay’atu kun ammoo qaamni keenya foolii badaa akka qabaatuuf sababa ta’uu mala. Kun ammoo ofitti amantummaa keenya gadi buusuun hariiroo nuti qaamaan namootatti
dhihaannee goonu irratti akka of shakkinu godha.
Mee hardha, wontoota foolii qaamaatiif nama saaxilaniif haala foolii kan Ittiin hirdhisuu ykn balleessuu dandeenyu tokko tokko ilaalla:
Qaamni keenya xannachoota xixiqqoo dafqa maddisiisan (sweat glands) miliyoona sadihii hanga afurii ta’an gogaa keenya irraa qaba. Isaanis akaakuu lama qabu.
Inni tokko(Eccrine glands) gogaa qaama keenya uffisee argamu hunda irratti kan argamuufi hoo’a qaama keenyaa to’achuuf dafqa haphii akka bishaanii kan maddisiisu dha. Inni lamataa(Apocrine glands) ammoo
googaa naannoo qaccee harmaa, bobaa, qaama saalaa fi naannoo gurraatti kan argamu dha. Xannachi kun harmaa irratti aanan maddisiisa, gurra keessaatti.ammoo guurii gurraa kan maddisiisu yoo ta’u, gogaa
akka bobaa jiraniif ammoo dafqa yabbuu ta’e kan pirootiiniif kemikaalota biraa qabu maddisiisa.
Dafqi yabbuun inni xannacha akaakuu lammataatiin maddisiifamu kun pirootiinii inni qabu baakteeriyoota gogaa keenya irra jiraataniin gara Aasidii ykn keemikaala foolii badaa qabuutti jijjiirama. Sababa kanaaf qamnii naanno bobaa foolii badaa qabaata.
Namoota foolii badaa qaamaatiif saaxilaman keessaa:
- Namoota Furdinna garmalee gudda ta’e qaban.
- Namoota yeroo baay’ee nyaata zayitiin itti baay’ate fayyadaman
- Namoota hedduminnaan foon diimaa nyaachu guddisan
- Namoota dhukkuba Sukkaaraa qaban.
Karaalee foolii qaamaa ittiin hirdhifnu yookin balleesinu: - Qulqullina dhuunfaa keenya eeguun:
- Qaama keenya bishaan hoo’aa dhaan dhiqachuu.
- Bishaan hoo’aan dhiqachuun baakiteeriyoota gogaa keenya irratti argaman kan dafqi keenya akka foolii
badaa qabaatuuf sababa ta’an xiqeessa. - Yeroo yeroodhaan rifeensa bobaa keenya haaddachuu.
- Kana gochuu dhabuun dafqi keenya akka hin hurkine gochuun baakiteriyootaf saaxila.
- Saamunaa mana qorichatti gurguraman Kan baakteeriya hirdhiisuuf fayyadan kan Akka MEDICAM fa’a fayyadamuu.
- Erga bobaa keenya qulqulleesine booda shittoo ykn “deodorant” adda adda fayyadamuu.
- Nyaata zayitiin itti baay’ate yeroo hedduu fayyadamuu dhabuu. Foonii diimaas baay’isuu dhabuu. Kuduraaleef fuduraalee fayyadamuu.
Yoo tooftaalee armaan olitti eerameen baduu ykn hirdhachuu dide dhiheenyatti deemuun Doktora mari’achiisuun barbaachisaa ta’a.