
Albamni Haacaaluu Hundeessaa ‘Maal Mallisaa’ Itoophiyaa keessaa gabaa muuziqaa addunyaa irratti dursuudhaan Galmee Dinqsiisoo Afrikaa irratti galmaa’uf.
Ammaan dura wantoota dinqisiisoo, dandeettiiwwanii fi kalaqawwan akkasumas uumamni adda ta’an kan irratti galmaa’u Galmee Dinqisiisoo Addunyaa(Guinness World Records)irratti.
Ji’oota muraasaan asitti ammoo Itoophiyaatti galmeen Dinqisiisoo Afrikaa hundaa’uun wantoota dinqisiisoo Itoophiyaa keessa jiran galmeessuu jalqabeera.
Hundeessaa fi hoji gaggeessaa Galmee Dinqisiisoo Afrikaa kan tahan Obbo Ashenaafii Alamuu haala hundeeffamaa fi hojiilee dhaabbatichi hojjetu irratti BBC waliin turtii taasisaniiru.
BBC– dhaabbanni kuni yoomi kan hundaa’e?
Obbo Ashannaafii– Dhaabbanni Galmee Dinqisiisoo Afrikaa kuni erga hundaa’ee amma gara ji’oota saddeetii ta’eera. Qabatamaadhaan ergaa hojii jalqabee ammoo ji’oota sadii darbeera.
Kaayyoon dhaabbanni kuni hundaa’uuf ijoon nuti akka Afrikaatti qabeenya keenya hin beeksifanne. Hojiin miidiyaa keenya booddeetti kan hafedhaa. Yoo ilaaltee ta’e nuti waa’ee keenya beeksisuu caalaa warri adiin waa’ee keenya maal jedhu jenneeti kan eegnu.
Gootota keenya hin dhaadheffanne, qabeenya keenya hin beeksifanne. Kanaaf gootota keenya hamma warri adiin beekamtii kennaniifitti eegneeti kan beeknu. Nutimmoo gootota keenya ilaalcha keenyaan, madaala keenyaan uummachuu qabna jenneeti kan kaane.
BBC– Galmeen Dinqisiisoo Afrikaaa kuni Hojiileen ijoon inni hojjetu maali?
Obbo Ashannaafii– Hojii ijoon Itoophiyaa fi Afrikaa beeksisuudha. Isa booda namootni galmee kanarratti galmaa’an akkaataa ittiin ofjijjiiran irratti hojjenna. Dhuma waggaa irratti ammoo Kitaaba galmee Afrikaa niqopheessina. kItaabni kuni galmee wantoota dinqisiisoo Afrikaa jechuudha.
BBC– Wantoota akkamiiti kan galmeessitan?
Obbo Ashannaafii– Nuti kan galmeessinu Namoota qofa miti. Bineesonni Itoophiyaa keessatti qofa argaman. Amma osoo naannoon ani itti dhaladhee guddadhe, Shaashamannee deemtee Itoophiyaa keessa bakki argamni simbirrootaa jiru achi.
Qabeenyi biyyi kun qabdu asiif as miti. Wantoonni Itoophiyaa keessatti qofa argaman hedduutu jiru. Garuu wanti beekame muraasa. Kanaaf nuti wantoota adda ta’an, kanneen Itoophiyaa keessatti qofa argaman galmeessina.
Kanaaf wantootni adda jedhamanii galmee dinqisiisoo Afrikaa kanarratti galmaa’an gosa hedduudha. Namoota, bineensota, Ispoortiidhaan, kennaa addaatiin, kalaqaan, uumama adda addaa hunda kan hammatudha.
BBC– Waan kana hunda qoratanii adda baasuuf seekta hundaan ogeessa qabduu?
Obbo Ashannaafii– Nuti gosoota shaniin ogeessota qabna. Humna keenyaan kan qoratamuu hin dandeenye yoo ta’e ammoo qaamni mootummaa nutumsa.
Kana malees waan Itoophiyaa keessatti hojjennu ogummaa hundaan kanneen nufaana hojjetan niqabna isaan wajjinis nihojjenna.
BBC– Addunyaa irratti dhaabbanni Galmee dinqisiisoo Addunyaa nijira. Isaan wajjin hariiroo qabduu?
Obbo Ashannaafii– waliin dubbachuu jalqabneerra. Adeemsarra waan jiru. Nuti garuu hojjechuu kan barbaannu ofdandeenyeeti.
Nuti Afrikaanonni yeroo hunda wana tokko gochuuf sababni warra adiirraa beekamtii eegnuf hin jiru. Bilisa ofbaasuun asirraa jalqaba. Hariiroo uumuu dandeenya, garuu nuti of dandeenyee dhaabbata fakkeenya ta’e uumuu barbaanna.
Dhaabbilee Afrikaa akka Gaamtaaa Afrikaa fi IGAD wajjin wal dubbisuu jalqabneerra. Saniin alatti waan tokko gochuuf beekamtii warra adii eeguun dirqama miti. Isaan gaafa beekamtii siif kennan kaayyoo mataasaanii qabataniiti.
Nuti Itoophiyaa qofa osoo hin taane Afrikaa beeksisuu barbaanna. Amma fakkeenyaaf mucayyoo gabaabduun nuti baasne suni Rikardii addunyaati. Dubartiin gabaabduun Addunyaa kanaa itoophiytaa keessatti argamti jechuudha.
Akkuma kana wantootni dinqisiisoon Afrikaan qabdu garuu gara addunyaatti hin beekamne bahanii akka beekamaniif hojjenna.

BBC– Namni yookan wantootni galmee dinqisiisoo Afrikaa irratti galmaa’an maal argatu?
Obbo Ashannaafii– Maal seete galmee dinqisiisoo Addunyaa yoo fudhatte irratti galmaa’uuf kaffalteeti. Isaan biratti galmooftee erga waraqaa ragaa argatteen boodas dumbulloo siif hin kennan.
Badhaasni guddaan achirratti galmaa’uu keetiin argattu maalidha seete, carraa hedduutu siif banama. Balbala ittiin fayyadamtu argatta jechuudha. Nutis galmee dinqisiisoo Afrikaa kana hundeessinee erga namoota baasuu jalqabnee namootni galmaa’an carraan banamaafii jira.
Amma fakkeenyaaf dubartiin Itoophiyaatti rifeensa dheeraa qabaachuun galmeessine sana dhabbileen dibata rifeensaa omishan Ambaasaaddara godhataniiru. Kun caarraa isaan argatanidha.
Kan biraa dheerinaan Itoophiyaa keessaa rikardii qabatee kan galmeessine Nagawoo Jimaa maqaa isaatiin magaalota Oromiyaa afur keessatti fiigichi qophaa’uuf adeemsarra jira. Kanaaf namoota galmaa’aniif carraa guddaatu banamaa deema jechuudha.
BBC– Hanga ammaatti Galmee dinqisiisoo Afrikaa kanarratti waan meeqatu galmaa’e?
Obbo Ashannaafii– Hanga ammaatti egaa Rikardiiwwan 14 tahan galmeessineerra. Maanguddoo waggaa 67tti yunvarsiitii seenan sanas dhihootti nigalmeessina. Waliigala gara 16tti dhihaateera.
Albamni Haaacaaaluu Hundeessaa ”Maal Mallisaa’ jedhus Galmee dinqisiisoo Afrikaa irratti galmeessuudhaaf adeemsi jalqabameera. Albamni Haacaaluu suni yeroo bahutti gulantaa gurgurtaa idil adduynyaatti gurgurtaadhaan rikardii qabatee ture.
Maal mallisaa’ waggaa har’aa yeroo gadhiifamu Artistoota beebbeekamoo idil addunyaa tahan hedduu gulantaa gurgurtaa idil addunyaa irratti dursaa ture.

Gabateewwan gurgurtaa muuziqaa Ameerikaa, kan Ingiliz, kan Kaanaadaa fi Kan Awustiraaliyaa dursuudhaan too’atee ture. kuni gabaa muuziqaa Itoophiyaa keessatti waan takkaa argamee dhagahamee hin beeknedha.
Kanaafuu yoo waaqni jedhe yeroo dhihootti Goota yeroo hundaa kanaaf, artistii Itoophiyaa fi Afrikaaa Haacaaluu Hundeessaa albamni isaa kuni Guyyaa tokkoon Rikardii Olaanaa galmeessisuu isaatiif Galmee dinqisiisoo Afrikaa irratti galmeessinee beekamtii ni kenninaaf.
BBC– Galmeen Dinqisiisoo Afrikaa kuni Afrikaa hunda nihammataa?
Obbo Ashannaafii– amma fakkeenyaaf guyyoota 20 booda gara Morokoo deemuuf jirra. Morookootti Haati Biyya Maalii tokko si’a tokkoon daa’imman sagal deesse. Kun Rikardii addunyaati. Nutis qaamaan achi deemnee beekamtii kennineefii galmee kanarratti galmeessina.
Kuni erga dhaabbanni keenya hundaa’ee injifannoo guddaa galmeessine jennee amanna. Nuti kaayyoon keenya ilaalcha keenya gara Afrikaatti guddisuudha.
Ammaaf namoota 15 qofaan socho’aa jirra. Garuu fuula duratti dhaabbanni keenya guddatee, sadarkaa Afrikaa bakka hedduutti damee banachuutti nigeenya.
BBC– Fedhii fi Hubannoon namootni galmee kanarratti galmaa’uuf qaban maal fakkaata?
Obbo Ashannaafii– Ji’oota sadan afran darban erga gara uummataatti ifatti baanee asitti qabeenyi dinqisiisoon Itoophiyaa gara keenya hin dhufne hin jiru. Amma namni hamma keenya waa’ee Itoophiyaa wantoota dinqisiisoo ofharkaa qabu hin jiru.
Wiirtuun kuusaa ragaa keenya guyyaarraa guyyaatti guutaa jira. Waa’ee rifeensaa erga galmeessinee namoota ragaa isaanii gara keenyatti ergaa jiran yoo argite raajiidha. Waa’ee ispoortii yoo galmeessinu namootni san nicaalla jedhanii dhufan hedduudha.
Fedhiin namootni galmee kanarratti galmaa’anii rikardii qabachuudhaaf qaban haalan waan ajaa’ibaati. Hamma tilmaamtuun olitti.
Nmootni kennaa fi uumama addaa qaban ragaa isaanii karaa telegram gara keenyatti ergu. San booda ogeessonni keenya calalanii gara waajjiraatti waamu. Sanbooda galmeessinee gara uummataatti baasna.