Gidaamiitti namoonni ajjeefamuu fi jumlaan awwaalamuun ‘soba’ – Aanga’aa Godinaa

Godina Qeellama Wallaggaa aanaa Gidaamiitti namootni ajjeefamanii Jumlaan bakka tokkotti awwaalaman oduun jedhu ”soba” jedhan hogganaan Bulchiinsaa fi Nageenyaa Godina Qeellam Wallaggaa.

Eejansiin Pireesii Itoophiyaa tibbana Aanaa Gidaamiitti namootni 168 ajjeefamuu fi reeffi namoota 87 bakka tokkotti awwaalamuu aanga’aa aanichaa tokko waabeffachuun gabaasee ture.

Gabaasa kana hordofee marsaalee hawaasaa irratti namootni hedduun ajjeechaa kana balaaleffachaa turan.

Eejansiin Pireesii Itoophiyaa bakka bu’aa bulchiinsaa fi itti gaafatamaa waajjira bulchiinsa godinichaa obbo Ibsaa Bashaa wabeeffachuun gabaase akka gabaasetti ‘namootni nagaan 81 aanaa Gidaamii keessatti bakka adda addaatti ajjeefamaniiru’.

Kan hafan namootni 87 ammoo bifa suukaneessaan bakka tokkotti ajjeefamuun reeffi isaanii jumlaan bakka tokkotti awwalamee argame jedhe.

Akka gabaasa miidiyaaleen biyya keessaa kaanis wal harkaa fuudhanii gabaasan kanaatti namootni ajjeefaman walumaagalatti 167 tahu.

Hogganaan Bulchiinsaa fi Nageenyaa Godina Qeellam Wallaggaa BBC’n dubbise Obbo Tasammaa Waariyoo ammoo, “miidiyaaleen gabaasa kana eessaa akka fidan hin beeknu, kan Obbo Ibsaan jechuu barbaadanis kana hin turre” jedhan.

”Namootni ukkaamfaman jiru du’uu isaanii garuu hin beeknu. Reeffi jumlaan awwaalamee argames hin jiru,” jedhan.

Haaluma wal-fakkaatuun Komiishinarri Komiishinii Poolisii Oromiyaa Araarsaa Mardaasaa oduun Gidaamiitti namoonnii ajjeefamanii jumlaan awwaalaman jedhu soba ta’uu af-gaaffii ESAT waliin godhan irratti dubbataniiru.

Obbo Tasammaa Waariyoo BBCtti akka himanitti ji’a lamaan dura hoggantoonni siyaasaa fi nageenyaa aanaa Gidaamii lakkoofsaan 50tti siqan ‘WBO’ kan isaan ”ABO Shanee” jedhaniin ukkaamfamanii fudhatamaniiru.

”Kaabinee fi hoggansi nageenyaa aanaa Gidaamii hidhattootaan ukkaamfamanii fudhatamaniiru. Jarri kun ni du’anii fi lubbuun jiraachuu isaanii hanga ammaatti hin beeknu,” jedhan.

Hoggansi siyaasaa fi nageenyaa mootummaa hidhattootaan ukkaamfamanii fudhataman aanaa Gidaamii, Begii fi Qondaalaa irraa tahuu kan himan aanga’aan kun lakkoofsi isaanii kanaa ol tahuu akka danda’us eeraniiru.

Haleellaa saba irratti xiyyeeffate

Oduun awwaalchi jumlaa argame jedhu kun erga dhagahamee paartileen siyaasaa akka EZEMA fi ABIN ajjeechaa lammiilee nagaa irra gahu dhaabbachuu qaba jecuun balaaleffataniiru.

ABIN ”ajjeechaan jumlaan Qeellam Wallagaa aanaa Gidaamii keessatti gaggeeffame saba Amaaraa irratti kan xiyyeeffatedha” jechuun ibsa baase.

Ajjeechaa kana keessatti hoggansi mootummaa gariin qooda qaba jechuun ABIN ibsa baaseen himateera.

EZEMAn gama isaan mootummaan nageenya lammiilee isaa eegsisuuf itti gaafatamummaa isaa haalaan bahachuu dhabuu irraa kan ka’e ajjeechaan akkasii irra deddebiin raawwata jechuun ibsuu isaa DW gabaasera.

Paartiileen kunneen kana haa jedhan malee Obbo Tasammaa Waariyoo ”oduun ajjeechaan raawwate saba Amaaraa irratti jedhu sobadha” jedhan.

Reeffi nama ajjeefamee argame hin jiru kan jedhan ObboTasammaan ”kan ukkaamfamee ji’a lama dura fudhatame hoggansa siyaasaa mootummaati” jedhan.

”Gaggeessitoota ugguraman keessayyuu sabaan Amaara kan tahe hin jiru. Sabummaa isaaniin osoo hin taane hoggansaa fi hojjettoota mootummaa waan tahaniif ukkaamfaman.”

Namootni ukkaamfaman aanaa Begii, aanaa Gidaamii fi Qondaalaa irraa waan taheef adda bahuu baatus gara namoota 43 hanga 50 tahu jedhan Obbo Tasammaan.

Ajjeechaa jumlaa kana raawwachuun kan himatame Waraanni Bilisummaa Oromoos gochicha waakkateera.

Dubbi himaan idil addunyaa WBO Odaa Tarbii gochaa dhaabni isaanii raawwate jedhame kana ”oduu sobaa miidiyaaleen mootummaa tamsaasan” jechuun tiwiitarii irratti barreesse.

Gidaamiin ji’oota lama tahuuf harka hidhattoota ‘ABO-WBO’ turuu kan himan Obbo Tasammaan amma to’annoo mootummaa jala jiraachuu himan.

”Amma hojiin misoomaa fi daldalaa karaa nagaa gaggeeffamaa jira. Aniyuu torban darbe deemeen deebi’e” kan jedhan Obbo Tasammaan tibbana aanaa Gidaamiitti qofa barattootni 1,000 ol qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa fudhachuu himan.

Hoggansa siyaasaa fi hojjettoota mootummaa ugguraman jedhaman ilaalchisee, ‘irratti hojjechaa jirra’ kan jedhan Obbo Tasammaan aanaaleen Godina Qeellam Wallaggaa jala jiran 12’n to’annoo fi bulchiinsa mootummaa jala jiraachuu himan.

Haatahu malee WBOn aanaaleen baadiyaa godinaalee Wallagga Lixaa fi Qeellam Wallaggaa hedduun to’annoo isaa jala jiraachuu hima.

Related Posts

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *