GOSOOTA JAALALAA

Storge/Familial

Jaalala maatin walii qabuudha. Ijoollee fi warri jaalala walii isaan qabaniidha.

Eros

Namoonni gosa jaalala kanaan kufan boca/shape qaama ilaalaniiti. Haala deemichaa, dhaabbii qaamaa, hawwannaa qaama ishii/isaa ilaalanii jaalalatti seenu.

Ludus

Jaalala akka taphaatti warra lakkaa’aniidha. Tapha, dhungoo, daansii garaa garaa qabaatus romantic miti. Jaalala bashannanaa adeemsifamuudha. Gosti jaalala kanaa jechoota hawwatoo fi mimi’aawaniin kan guuttaman kan salphaatti onnee baqaqsanii seenaniidha.

Estos

Jaalala akka bu’uura jireenya isaanitti lakkaa’u. Warra rakkoo, iccitii walii walitti himaniidha.

Mania

Jaalala isaanii hanga du’aatti hin dagatan. Tokkichaa onnee isaanii laannan warra duubatti hin jenneedha. Gargar ba’uu osoo beekaniiyyuu jaalala isaanii kan hin dhaabnedha.

Pragma

Jaalala sababa fi bu’a yeroo dheeraa qabuudha. Jaalala keessatti walitti ta’uu fi wal fakkaattummaa warra barbaadaniidha.

Agape

Warra jaalalaan kufuuf rakkatan garuu itti seennan waan qaban hunda warra dabarsanii laataniidha. Warra sodaa Waaqaa qabani. Of dhiisanii kan jaalatani saniif dursa laachudha. Umuriis ni qaba.

Phillia

Akka jaalala hiriyyuummati. Waan gagaarii walii ooludha. Faayidaa, gammachuu walii kan eeganiidha. Faayidaa qofas osoo hin taane wal amantaa kan qabu. Warra dadhabina isaanii waliif guutaa deemaniidha.

Philautia

Jaalala of jaalannaa irraa madduudha. Lafa kanarra kan na caalu hin jiruudha. Akka maalakatti warra of ilaalaniidha.

Related Posts

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *