
Namni kamiyyuu halkan abjuu garaagaraa abjoota. Abjuu keessaa tokko utuu hin beekin waa’ee saal-qunnamtii abjoochuudha. Kun saala lameen irratti kan mul’atuuf namoota sadarkaa hundarra jiran irratti kan mula’atu tahus baay’inaan dargaggoota waggaa 21 gadii irratti mula’ata. Qorannoon biyya ameerikaatti bahe tokko akka ibsutti dhiironni parsantii 83 oliif shamarran parsantii 85 oli abjuun yoo xiqqaate yeroo tokkoof waa’ee saal-qunnamtii yaaduun dhiirri sanyii dhiiraa ofirratti dhangalaasuun shamarranis dhangalaasuun naannoo qaama saalaa isaanii ni jiisu jedha.
Halkan yeroo rafan Dhiigni gara naannoo qaama saalaa deemu xiqqoo waan dabaluuf battala waa’ee saal-qunnamtii ykn dhiira ykn dubara baay’ee jaallattan abjoottan fedhiin dafee namarraa bahuu danda’a.
Kanaaf kun yaaddoo amma kana kan uumu tahuu baatus namoonni guyyaa guyyaan isin rakkisuuf ofitti amanamummaa isin dhoorku qoratamuf gorsa fudhachuun barbaachisaadha. Akkasumas kana hambisuuf yoo fuutaniittu tahe yeroo yeroon saal-qunnamtii gochuu, fedhii ofiin ofirraa baasuu dhiisuu, yaada keessan fixattanii gara hirribaa deemuufi Garaan ciisuun filatamaadha. Akkasumas dhiironnis tahe dhalaan yeroo ofirratti dhangalaastan naannoo qaama saalaa keessanii ganama kaatanii qulqulleeffachuu qabdu.