Hir’achuu fedhii wal-qunnam*tii saal*aa dubartootaa maaltu fida?


Akkuma beekamu wal-qunnamtiin saala miira uumaan Abbaa manaafi haadha manaaf eebbisee kennedha!
Dubartoonni Baay’een fedhiin wal-qunnamtii saalaa kiyya hir’ateera jettanii kan keessaan nu gaafattan danuudha.


Maaltu rakkoo kana namatti fida

  1. Dhukkubbii yeroo wal-qunnamtii saalaa
  2. Dhiphina ykn stress hamaa
  3. Wal-shakkuu/wal-amantaa dhabuu
  4. mana keessaa walii-galtee dhabuu
  5. rakkoo yeroo ijoollummaatti irra ga’e, kan akka gudeeddii
  6. yeroo ulfaa gara jalqabaa, harma hoosisuu fi yeroo laguun irraa dhaabbatu(gara dullumaa)
  7. Abbaan manaa taatewwan wal-qunnamtii Dura godhaman kan akka (dhungoo, warmup) gochuu dhiisuu
  8. dhibee fayyaa akka sukkaara, dhiibbaa dhiigaa fi hir’ina hormoonii taayirooyidii
  9. hojiin itti baay’achuu ykn dadhabuu
  10. alkoolii baay’inaan dhuguu fi tamboo aarsuu
  11. fedhii ofii bilisaan Abbaa manaa waliin dubbachuu dhabuu!

Related Posts

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *