
MALLATTOOLEE
- Qaama ofii keessumaa harkaaf miilaa miira nama waraanuu, gubuu fi kkf namatti dhaga’amuu.
- Sammuun daddafee waa hirraanfachuu, waan yaaduu sababaan yaaduu dadhabuu.
- Salphaatti aaruu, dheekkamuu, of jibbuu gadda garmalee (depression)
- Dadhabbii garmalee fi waa hojjachuuf yaalan ykn socho’an afuurri nama cituu.
- Onneen daddafee fi humnaan dha’achuu.
- Nyaata nama jibbisiisuu, ulfaatina hir’isuu, teessisuu fi balaqqamsiisuu
- Dhukkubbii afaanii (afaan keessa madaa’uu) yokaan afaan nama gubuu.
- Rakkoo deemsa dadhabuu ykn balance eeganii deemuu dadhabuu.
AKKAMIIN NAMA QABAA?
- Dhikkuboota garaachaa kan xuuxamuu vitamin B12 kana ittisan akka : Atrophic gastritis, crohn’s disease fi kkf
- Rakkoo dhukkuba hir’ina dhiigaa fidu pernicious anemia jedhamu yoo qabaatan.
- Qorichoota dhukkuba garaachaaf kennaman kan farra asidii garaachaa ta’an yeroo dheeraaf fudhachuu.
- Sababa dhukkuba garaacha huban kan biraaf jecha baqaqsanii yaaluun garaacha namootaaf yoo godhamu.
- Umuriin baay’ee namoonni dullooman, yeroo baay’ee bu’aalee biqilootaa qofa nyaatan hir’ina vitamin B12 kanaaf saaxilamoodha.
VITAMIN B12 EESSAA ARGANNAA?
Vitaamin B 12 kan argamu yeroo hedduu bu’aa beeyladaa kan ta’an akka: -Hanqaaquu
-Foon diimaa
-Qurxummii
-Foon lukkuu fi kk irraa sirriitti arganna.
Hagi vitamin B12 aama keessaa yoo hedduu gadi bu’e garuu mana yaalaa deemuun vit B12 bifa qorichaan qophaa’e fidhachuun dirqama.