Hojiin mana keessaa dubartootaan dalagamu qarshiin osoo shallagamee meeqa baasa?

Dubatrii buddeena tolchaa jirtu

Dubartoonni hojii mana keessaa dalaganiif nuuf haa kaffalamu jedhanii otoo gaafatanii gatiin hojii isaanii meeqa kan baasu isnitti fakkaata?

Hojiin mana keessaa irra jireessaan dubartootaan hojjataman kan akka ijoollee kunuunsuu, nyaata bilcheessuu, qulqullina eeguu, bishaan waraabuu, qoraan cabsuu fi namoota dhukkubsatan gargaaruu fa’i ni dabalata.

Dhaabonni kanneen akka UN hojii akkanaa kana hojii kunuunsaa kaffaltii hin qabne jechuun waamu.

Dhaabbanni Hojjettoota Addunyaa dubartoonni dhiirota irra dachaa lamaa ol yeroo isaanii hojii kanarratti dabarsu, akka addunyaatti gidduugaleessaan dalagaa kanaaf sa’atii shan kennus jedha.

Hojiin kun akka qaama diinagdee tokkootti otoo lakkaa’amee isa dameewwan oomishaa, daldalaafi geejibaa walitti ida’amanii galii argamsiisan ni caala jedha odeeffannoo UN irraa arganne.

Dubartoonni Itoophiyaa hoo hojii kaffaltii hin qabne kanarratti guyyaatti sa’atii meeqa dabarsu laata?

Aadde Tinnabab Birhaana Gabiramasqal, hoggantuu dhaabbata dhimma kanarratti hubannoo kennu- ‘Action Aid’ Itoophiyaati.

Dubartoota qoraan cabsanii deebii'an

”Dubartiin Itoophiyaa tokko guyyaatti sa’atii 13 ol hojii kanarratti yeroo ishee aarsaa gooti,” jetti.

Akka addunyaatti hojiin kunuunsaa dubartootaan dalagamu ”otoo qarshiidhaan tilmaamamee hanga doolaara tiriiliyoona 11 baasuu danda’a,” jechuun himti.

Itoophiyaatti qorannoon gad-fagoo barbaachisullee hawaasa keenya keessa deemnee qorannoo salphaa taasifneen, Itoophiyaa keessa gidduugalaan, ”dubartiin tokko hojiin kunuunsaa guyyaa guyyaatti dalagdu ji’atti hanga birrii kuma 90 baasuu danda’a,’’ jetti.

Kana gochuu isaaniin shamarran mirgoota isaanii bu’uuraa irraa ni hanqatu jette. ”Fakkeenyaaf mana barumsaa deemuurraa daangeffamuu dabalatee, fayyaa isaanii irratti dhiibbaa ni qabaataa akkasumas tajaajilawwan hawaasummaa, diinagdeefi yeroo guddina ofii isaaniitiif kennuu qaban hunda jalaa fudhata,’’ jetti.

Shamarran bishaan waraabanuu deemaaa jiran

Akkanatti hojiin itti dhama’aman kuni garuu hawaasa keessatti beekamtiin hin kennamuufi inumaayyuu akka hojiitti hin ilaalamu jetti Aadde Tinnabab.

‘’Keesumaa akka hojiitti lakkaa’amuu dhabuusaatu rakkoo guddaa dha,’’ jechuunis hubachiisti.

Sababiinsaas dubartii hojii idilee miindaa ji’aa itti argattu hin qabne tokko, ”hojiin kee maali?’’ Jettee yoo gaafatte, isheenumtuu ‘’hojii hin qabu’’ jetteeti sitti himti.

Kana malees abbootiin warraa illee haati manaa koo ‘’hojii hin qabdu’’ jedhanii yeroo haasa’an ni dhageenya jetti.

Akka addunyaatti hojii kunuunsaa kaffaltii hin qabne harka 75 dubartootatu dalagaa jedha Dhaabbanni Hojjettoota Addunyaa.

Kunis dhiirootaafi dubartoota gidduutti qixxee akka hin qoodamneefi dubartoonni dachaa afur irra caalaa akka dalagan agarsiisa.

Dubartoonni harka 70 ol hojii kanarratti bobba’an immoo, ”kanneen galii gad-aanaa jedhamu qabani dha,’’ jetti Aadde Tinnabab.

Akka yaad-rimeetti, hojiin kuni silaa qarshiin shallagamee galii argamsiisuu qaba turee jedhu falmitoonni mirgoota dubartootaa. Shallaga ogeessonni diinagdee kaa’aniinis biyyoota kanneen akka Arjantiinaa keessatti hojiin kuni guddina diinagdee biyyaatiif (GDP) harka torba gumaacha.

Biyyoota guddataa jiran kanneen akka Taanzaaniyaa keessatti immoo hanga harka 63 gahuu danda’a jedhu.

Dubartii aannan ilmaa jirtu

Keesumaa dubartoonni baadiyaa yeroo isaanii dheeraa hojii kanarratti kan dabarsan yoo tahu, dubartoonni magaalaa hojii idilee mindaa irraa ragatan qabanillee yeroo isaanii hafetti hojii kanarratti ni bobba’u.

Kanaaf obbolootaafi haadholii keenyaaf haa kaffaluuree?

Aadde Tinnabab hojji kanaaf duraan dursa beekamtiin kennamuufi akka qabu dubbatti. ‘’Kunis dubartoota irraa ka’ee, hawaasaafi maatiin akka hojiitti ilaaluu jalqabuu qabu,’’ jetti.

”Dubartiin tokko mana ooltes, waajiraa hojjettes, qonna irratti bobbaates hojii ni qabdi jechaa jirra.’’

”Inumaayyuu abbaan warraa tokko hojii idileesaa fixee gaafa galu boqochuu danda’a, dubartiin garuu hojii waajiraa irraa galteeyyuu hamma halkaniitti hojiinshee itti fufa, kanaaf kuni beekamuufii qaba,’’ jetti.

Erga beekamtii kennineen booda immoo sadarkaan itti aanu, hojichi dhiirotaafi dubartoota gidduu qixxe akka qoodamuu gochuu dha jechuun ibsiti.

”Yoo abbootiin, obboloonniifi abbootiin warraa hojii kana irratti hirmaatan, hojii kana salphisuu irra darbe dubartoonni guddina mataa isaanii irratti akka xiyyeefatan gargaara, maatiinis haala gaarii taheen ijaarama deema,’’ jetti.

Akka Aadde Tinnabab, ”fakkeenyaaf nyaata bilcheessuun dhiira dubartii otoo hin jedhiin dandeetti namni tokko jireenyasaa keessatti baruun isa barbaachisu dha.’’

Gama diinagdeedhaan immoo biyya keenyatti, ”hojiin kun meeqa akka baasu shallagamee qarshiidhaan taa’uufi GDP biyyaaf hangam shoora akka qabaatu baramuu qaba,’’ jetti.

Kanaanis dubartootaaf deeggarsiifi haalli hojii kanarraa fayyadmoo tahan akka mijatu gochuun ni danda’ama jechuunis ibsiti.

Hojii kunuunsaa kaffaltii hin qabne kuni erga akka hojiitti beekamtii kennineefii booda caasaafi imaammata mootummaa keessa galee, akka damee tajaajilaa tokkootti galii argamsiisuu jalqabuu qaba jedhu falmittoonni mirgoota dubartootaa.

Related Posts

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *