
Humnootiin TPLF haleellaa gama iddoowwan Tigraayi fi naannoo Affaar daangeessaniin banan torban darbee keessa itti cimu naannoon Affaar ibse.
Akka ibsa naannichaatti haleellaan TPLF gaggeessaa jiru kun Sardoo qabachuun darbanii daandii guddicha gara Jabuutii geessuu to’achuuf kan kaayyeeffateedha.
Ibsi waajjirri Kumunikeeshinii Affaar Dilbata baasee akka jedhutti aaanaa shan kanneen godina Kiilbatii keessaatti argamanii fi magaalaan Abaalaa humnootii TPLFn to’atamaniiru.
Akka ibsa kanaatti aanaaleen Abaalaa, Magalee, Erabitii, Konabaa fi Baraahile to’annoo humnootii TPLF jala galaniiru.
Haleellaa humnoonni TPLF meeshaalee gurguddaan deeggaramuun gaggeessaa jiraniin ”Sardoo qabachuun daandii guddicha gara Jabuutii geessuu to’achuufi Affaar akka lafa falmiitti fayyadamuuf” kan kiyyeffateedha jedheera.
TPLF kanaan dura humnootii Affaar irratti tarkaanfii cimaa fudhachu kan beeksiise yoo ta’u, haleellaa ammas cimuun itti fufeera jedhameerratti garuu deebiin kennee hin jiru.
Mootummaan Federaalaa waraana naannoo Affaar keessaa ilaalchise wanti jedhe jiraachu baatulleen, torbaniin dura garuu haleellaawwan gama TPLFn raawwataman irratti tarkaanfii barbaachisaa akka fudhatu Manni Maree Nageenya Biyyaaleessa Itoophiyaa ibsuun isaa ni yaadatama.
“Daandii Itiiyoo-Jabuutii kutuuf …”
Qondaaltoonni Affaar irra deddebiin akka jedhaniitti, bakkeewwan humnootiin TPLF haleellaa bananitti humnootii addaa naannichaatiin ala waraanni raayyaa ittisa biyyaa kan hin bobbaane waan ta’eef jiraattootaa fi dhaabbilee mootummaa irra miidhaan qaqqabaa jira.
Ibsa waajjirri kominikeeshinii naannichaa baasee kanaan, TPLF iddoowwan akka Magaalaa Abaalaa, Aanaa Abaalaa, Aanaa Magalee fi Aanaa Erbitii torban darbe to’atee akka hin dabarree gochuuf humnootii addaa naannichaa waraana qolannaa cimaa gaggeessaa ture jedheera.
Haata’u malee finciltoonni TPLF haleellaa naannoo Affaar keessatti bananiin dabalataan ”aanaalee Baraahilee fi Konabaa to’achuudhaan saamiichaa fi badiinsa lubbuu namootaa gaggeessaa jira,” jedheera.
Haata’u malee finciltoonni TPLF haleellaa naannoo Affaar keessatti bananiin dabalataan ”aanaalee Baraahilee fi Konabaa to’achuudhaan saamiichaa fi badiinsa lubbuu namootaa gaggeessaa jira,” jedheera.
Humnootii TPLF kunneenis ”Godina Kiilbatii Rasuu guutummaatti to’achuun Sardoo bira darbuun daandii guddicha Itiiyoo-Jabuutii wal quunnamsiisu to’achuuf meeshaa waraanaa meekaanaayizidiin deeggaramee waraana gaggeessaa jira” jedheera ibsichi dabaluun.
Naannoon Affaar akka jedhuutti, haleellaa haaraa baatii tokkoo ol lakkoofsiisee kanaan aanaalee humnootiin filciltootaa to’atan keessatti badiin namoomaa fi qabeenyaa olaanaan qaqqabeera.
Namoonni kuma 350 ol buuqqaafaman
Itti gaafatamaan Biiroo Hoggansa hojii Sodaa Balaa Naannoo Affaar Obbo Mahaamaduu Huseen BBCtti akka hiimaniitti, haleellaa TPLF akka haaraatti baneen walqabatee namoonni kuma 350 bakka jireenyaasaaniitii buqqa’aniiru.
Kana malees dhaabbilee dhuunfaafi mootummaa akkasumas manneen barnootaa fa’i irra miidhaan qaqabeera jedhan.
Humnootiin TPLF naannicha keessa hanga KM 150 kan seena yoo ta’u, garichis baayyeefi ”kan meeshaalee waraanaa cicimoon ijaaramuun akka haaraatti yeroo sadaffaa waraana baneetti fufee jira,” jedhaniiru.
Torbanoota lamaan dura bulchiinsi naannoo Affaar akka beeksiiseetti, haleellaa meeshaa gurguddaa TPLF bakkeewwan Affaar Tigraayiin wal daangeessan keessatti raawwataa ture hordoofee gama godina Kiilbatii Rasuutiin cabsee seenuun aanaalee hedduu to’achu beeksiisee ture.
Kanaanis aanaaleen akka Abaa’aalaa, Magaallee fi Baraahilee erga humnootii TPLFn to’atamanii torban lama ta’eera. Kanaanis nammoonni kumaatamaan lakkaa’aman buqqa’uun baqachusaanii Obbo Mahaamaduun BBCtti himan.
Humnootiin TPLF naannoo Affaar aanaalee sadi kan godinaalee lama keessatti argaman to’achuufi Ittigaafatamaan Waajjira Kominikeeshinii naannichaa Obbo Ahimad Kaalooyitaa BBCtti himanii ture.
Itti fufuunis waraanaa humnootiin TPLF naannicha keessatti bananiin bakkeewwan baayyee to’achuu naannoon Affaar dubbatulleen TPLF ammoo dhimma kanarratti wanti jedhe hin jiru.
TPLF ibsa baasee tureen haleellaa humnootii Affaariin torbanootaaf irratti banamee qolachaa turusaanii ibsuun, yaaddoo humnootii Affaariin narra gahaa jira jechuu Ammajjii 24, 2022 himee barbaddeessuuf tarkaanfii cimaa akka fudhateefi humnootiin isaa naannoo Affaar keessa turuun walitti bu’iinicha harbeessuuf fedhii akka hin qabne ibsee ture.
Haata’u malee qondaaltoonni naannoo Affaariifi jiraattoonni tokko tokkoo akka jedhaniitti, haleellaan humnootii TPLF gaggeessaa jiruu babal’achuun eddoowwan daangaatti waraanaa olaanaa gaggeessuun eeddoowwan biraa qabachuu akka addeemaa jiru Obbo Mohaamaduun BBCtti himan.
Waraana baatiiwwan 18 dura Tigraay keessaatti eegaluu ture gara naannoolee ollaa Affaar fi Amaaraatti babalatee turuunsaa ni yaadatama.
Humnootiin TPLF baatiiwwan dura gama kibba Tograay Kaabaafi kibba Walloo keessa qaxxamuruun akkasumas gama bahaatiin gara Miilleetti qajeelee kan ture yoo ta’u, haleellaa humnootii naannooleefi raayyaa ittisa biyyaatiin mo’atamuun gara duubatti akka deebii’u taasifamuun gabaafame ture. Hoggantoonni TPLF garuu nagaaf jecha loltootasaanii gara Tigraayiitti akka deebiisan ibsanii ture.
Isaan boodas walitti bu’iinsawwan darbee darbee dhagahamuun alatti waraanni bakkeewwan irra caalaatti gaaggeeffamaa ture gabi jechuun torbanoota lakkoofsisulleen, daangaa Affaariifi Tigraay irratti waraanni meeshaa waraanaa cimaan gaggeeffamuu deebiisee ka’uutu himame.